• Sun. Mar 15th, 2026

Afrikaan Kibbaa haleellaa Raafaa Israa’el akka dhaabdu Mana murtii idil-adunyaa gaafatte

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 17, 2024

Afriikaan Kibbaa Israa’el haleellaa Raafaa keessatti raawwattu akka dhaabdu akka ajajuuf mana murtii idil-adunyaa gaafatte.

 Dhaddachi kun qaama dhimma bal’aa Israa’el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwatte jechuun himatu yoo ta’u, Israa’el irra deddeebitee haaltee turte.

Afrikaa Kibbaa fi Israa’el tokkoon tokkoon isaanii falmii isaanii mana murtii idil-adunyaaf dhiheessaa jiru.

Afrikaan Kibbaa Kamisa kaleessaa mana murtii idil-adunyaa haleellaan Israa’el Raafaa irratti raawwatte akka dhaabbatu ajajuu gaafattee turte.

Israa’el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii jettee waamtu cimsitee jirti jechuun himatteetti.

Afrikaan Kibbaa yeroo dhumaaf mana murtii kana duratti dhiyaanne adeemsa duguuggaa sanyii kana dhaabuun Falasxiin fi ummata ishee kunuunsuuf abdii guddaa qabdi jechuun dubbatti.

Inumaayyuu duguuggaan sanyii Israa’el saffisaan itti fufee sadarkaa haaraa fi suukaneessaa irra gaheera jechuun dabalanii himaniiru.

Israa’el dhimmi Afrikaa Kibbaa guutummaatti bu’uura kan hin qabnee fi naamusaan jibbisiisoodha jetteetti.

Afrikaan Kibbaa qaamni kun himannaa duguuggaa sanyii bal’aa irratti falmii dhaga’uu itti fufee osoo jiruu ajaja hatattamaa sadii akka kennu mana murtii idil-adunyaa gaafatteetti.

Tarkaanfiin jalqabaa gaafatame manni murtichaa Israa’el Raafaa keessaa hatattamaan akka  baatuu fi haleellaa waraanaa ishee akka dhaabdu ajajuudha jetti Afrikaan Kibbaa.

Lammaffaa, Israa’el hojjettoonni gargaarsa namoomaa, qorattootaa fi gaazexeessitoonni gara Gaazaa seenuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an hunda akka fudhattu waamamuu qaba kan jedhudha. 

Tarkaanfiin yeroo sadaffaan gaafatame Israa’el ajaja lamaan jalqabaa kabajuuf tattaaffii goote akka gabaasa gootu mirkaneessuudha jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading