ONM-ABO Caamsaa 18, 2024
Hawaasni Oromoo hiraarsaa mootummaa gabroomfataa PP’n kan taa’umsaa fi dhaabbii dhabaa jiru ta’uun ifa galaa ta’us, bara bulchiinsa isaa dheereffachuuf jecha sirnichi bifa haaraan gochaa sabicha irratti hin goone hin qabu.
Bifuma kanaanis godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti waraanni PP hawaasa irratti dararaa ulfaataa geessisaa kan jiru yommuu ta’u, hawaasni aanichaa sababa mootummaa kanaaf jiruu fi jireenya isaa akka itti geggeeffatu dhabuun ibsameera.
Aanichatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun hawaasa irraa qarshii saamaa kan turan waraanni PP, namoota doqdoqqee oofuun jireenya isaanii geggeeffatan hidhaa fi reebichaan dararaa jiraachuu itti fufuun, namoota hidhaman irraas qarshii hedduu fudhatanii kan baasanii fi kan qarshii matta’aa kaffalan hin qabne ammoo achuma keessa tursuun gara waraanaatti guuraa akka jiran himameera
Jiraattonni aanaa Doobbaa ganda baadiyyaa jiraatan irra caalaan isaanii sababa waraanni murna faashistii PP mana irra deemee isaan sodaachisuuf guyyaa guyyaa mana ooluun halkan halkan ammoo akka laga bulan beekameera.
Nama maqaan isaa obbo Ahimad Mahaammad’ jedhamu waajjira Poolisii aanaa Doobbaatti Ebla 24, 2024 namoota hedduu waliin qabamee hidhamee kan ture, yommuu namoonni kaan biraa matta’aa qarshii 7000-15,000 waraana PP’f kaffalan, inni immoo waan fidee isaaniif kaffalu dhabuun gara leenjii waraanaatti ergamuusaa jiraattonni dubbisne ONM’tti himaniiru.



