• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggaritti waraanni faashistii PP uummata irratti meeshaa waraanaa gurguddaa dhukaasaa jiraniin hawaasni shororkaa hamaa keessa akka jiran ONM’tti himan

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 18, 2024

Naannoo mooraa leenjii PP kan ta’e Sanqallee keessaa meeshaaleen waraanaa sagalee gurguddaa qaban Madfii dabalatee hawaasa irratti dhuka’aa jiraachuu kan himan jiraattotni magaalaa Gudarii fi naannoo ishee Sanqallee irraa meeshaa gurguddaa Madfii jedhamu guyyaatti yoo xiqqaate si’a 4 dhuka’uu ibsanii, yeroo ammaa kanas sagaleen kun yaaddoo guddaa uummatatti  ta’aa kan jiru ta’uu dubbataniiru.

“Murni  gabroomfataa PP itti yaadee nu fixuuf karoora isaas galmaan ga’ataa jira” kan jedhan jiraattonni guyyaa dheengaddaa sagaleen kun dhagaa’amaa akka turee fi kaleessas jabaatee itti fufuu isaa irraan kan ka’e yaaddoo qaban dabaluun ibsataniiru.

Akka godinichaatti sochiin waraanni gabroomfataa PP   guyyuu taasisuun miidhaan qabeenyaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa jiraattota irratti adeemaa akka jirus himan.

Abiy Ahimed ajaja kennuun Biraanuu Juulaa waraana lafoo bobbaasuun, Yilmaa Mardaasaa xiyyaara waraanaa fayyadamuunii fi Shimallis Abdiisaa haala mijeessuun torbee darbee qabuun meeshaalee gurguddaa fi xiyyaarota waraanaa fayyadamuun uummata Oromoo aanaa Jibaatii fi Noonnoo irratti dhukaa’aa roobsaa jiraachuun ni beekama. 

Leave a Reply