• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Baddannootti dararaan jiraattoota irratti jabaate

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 18, 2024

Gareen maafiyaan PP ifa baasee karaatti ba’uun hawaasa saamuu itti fufuun  maqaa misoomaan goyyomsuu fi deggersa mootummaa jechuun mana gadi dhaabbatu cufa irraa maallaqa guuraa kan jiru,  godina Baha Harargee aanaa Baddannootti “bishaan dhugaatii isiniif galchina” jechuun qarshii miliyoona tokkoo (1,000,000) ol kan ta’u hawaasa gowwomsanii gandoota aanichaa hundarraa walitti qabanii jiraachuun himame.

Yeroon waan jalqaban fakkeessuun torban muraasa hojiitti seenanii kan xumuran fakkaatanii boodarra lafa kaa’anii kan deeman ta’uu fi hanga ammaattis bishaan kan hin galleef ta’uu kan himan jiraattonni aanichaa, qarshii isaaniis saamamuu fi karaa gama bilxiginnaan bishaan nuuf gala jedhanii kan hin abdanne ta’uu cimsanii ONM’tti  dubbataniiru.

Uummanni aanaa Baddannoo  rakkoo hongeetiin kan walqabate namoonni hedduun rakkoo ulfaataa keessa galanii wayita jiranitti gochoonni saamichaa hanga kana irratti geggeeffamuun isaa uummaticha hundeen balleessuuf waan itti yaadamee hojjetamaa jiruudhas jedhu.

Kana malees, aanaadhuma kana keessatti hojiin saamichaa jabaachuun bahinsa magaalaa Baddannoo irratti Kellaa jechuun haada/ wadaroo hidhanii karaarra kan taa’an waraanni maafiyaa PP, konkolaataa magaalaa sana seenuu fi ba’u irraa “gatii barcaa waraanaa” jechuun konkolaataa tokkotti qarshii 500 dirqamaan konkolaachistoota irraa fudhachaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading