• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaatti hidhaa, gudeeddii fi mana hawaasaa gubuun waraana faashistii PP’n jabaate

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 17, 2024

Waraanni maafi’aa PP guyyaa guyyaan uummata nagaa hidhuu fi mana hawaasaa gubuun hawaasa nagaan jireenya isaa geggeeffatutti jireenya hadheessuun godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Biloo Jaree jedhamutti namoota maqaan isaanii Obbo Afataa fi Mararaa jedhaman jalaa  Caamsaa 10, 2024 mana gubuun meeshaalee mana keessaa waliin barbadeessaniiru.

Dabalataanis godinuma kana aanaa Gobbuu Sayyootti sirni nama nyaataa PP kun badii tokko malee  Caamsaa 15, 2024  ganda Aggoo Laaften jedhamu keessaa nama maqaan isaa Kabaa Gammadaa jedhamu  badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf magaalaa Aannootti hidhanii jiraachuun himame.

Oduu biraan ammoo aanuma Gobbuu Sayyootti shamarran maatii keessaa gadi waamuun waraanni PP kunneen gudeedaa jiraachuu kan himan jiraattonni Caamsaa 15, 2024 halkan keessaa sa’a 8:30’tti intala keessan fidaa jechuun  mana keessa sakatta’anii yommuu dhaban maatii ishee keessaa namoota maqaan isaanii Obbo Bayyanaa Camadaa fi Biraanuu Kabbadaa jedhaman qabanii fudhanii deeman.

Maatiin halkan waarii sa’atii 8:30’tti waan qabamaniif kan hin beekne yoo ta’u, hanga ammaa bakki isaan ga’an kan hin baramne ta’uu fi kana duras aanaa kanatti irra deddeebiin gochaa akkasii raawwachaa turuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading