• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti garmalee jabaate

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 15, 2024

Uummata nagaa miidhee kan gammadu waraanni murna garboomfataa PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horrootti akkuma kana dura qabeenya jiraattotaa ganda Gab bar Uggum saamee guurrachaa ture, Caamsaa 12, 2024 namoota maqaan isaanii: Shaanqoo Cawwaaqaa, Daanyee Raffisaa fi Biqilaa Toleeraa jedhaman sababa Oromummaa isaanii qofaaf qabeenya isaan manaa qaban hunda saamanii jiraachuun barame.

Dabalataanis, aanuma kana ganda Gitiloo Dalee irraa nama maqaan isaa Duushoo Magarsaa jedhamu jalaa horii 17 fi hoolota 13 saamuun, meeshaalee mana keessaa inni qabu hunda jalaa caccabsuun ibsameera.

Kana malees, hawaasa siyaasa tokko keessa hin jirre “milishaa taatanii biyya eegdu” jechuun yommuu namoota qabuuf deeman abbaa manaa isaanii manaa dhabanii dubartoota 13 qabuun daa’imman akka hiraaran taasisanii jiru.

Caamsaa 12, 2024 namoota maqaan isaanii: Aadde Bojee Baanjee, Aadde Loomee Baqqalaa, Shaggee Firdiisaa, Mulee Dhaabaa fi kanneen biroo 9 magaalaa Shaambuutti hidhanii jiraachuu jiraattonni aanichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading