• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Jimmaatti waraanni faashistii PP sakatta’insa jechuun namoota waraqaa eenyummaa hin qabne ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun dhaga’ame

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 15, 2024

Magaalaa Jimmaa keessatti yakkoonni adda addaa hawaasa nagaa irratti akkuma raawwachaa ture yeroo ammas itti fufetti jira.

Maqaa ‘Gaachana Sirnaa’ jedhuun kan uummata nagaa hiraarsuuf bobbaafaman milishoonni Dilbata darbe jechuun gaafa Caamsaa 12, 2024 irraa eegalee uffata mudhii olii kan alaabaa Abbaa Gadaa qabu uffachuun ”sakatta’insa geggeessina” jedhanii namoota waraqaa eenyummaa hin qabne hedduu qabanii hidhaa turan.

Namoota qaban sanas “biyya keessaniif loltu” jechuun waraanni faashistii PP fedhii isaanii malee humnaan qabuun gara leenjii waraanaatti ergaa kan jiranii fi aanaalee godinichaa hunda keessatti haaluma kanaan hawaasa dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading