• Sat. Mar 14th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Maanguddootni 2, waraana faashistii PP’n ajjeefamuun bakkeetti gataman

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 15, 2024

Uummanni Oromoo sirnoota dhufaa darbaan gidiraa hamtuu keessummeessaa kan as ga’ee fi har’as itti jiru yoo ta’u, gochi bara murni bilxiginnaa maqaa Oromoo dha’achaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru kan sirnoota darbanii caalee muldhachaa jira.

Gochi bilxiginnaa hiriyaa dhabe kun namoota mana amantaa keessaa baasanii ajjeesuu, saanjaadhaan qalanii ajjeesuu, awwaalcha dhorkachuu, ajjeesanii bineensa nyaachisuu, gaaffii tokko malee fuula maatii duratti baasanii rasaasaan waadanii ajjeesuu, shamarran haadhaa fi abbaa biratti gudeeduun, gochoota safuu Oromoo hin ibsinee fi uummaticha jiilchuu gochuun hammeenyummaa raawwatan jabeetee mul’achaa jira.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti gaafa Caamsaa 11,2024 waraanni faashistii PP, maqaa sakkattaa WBO jedhuun ganda Qori Odaa bakka addaa Laaluu jedhamu keessatti bobbaafaman qe’ee hawaasaatti ol seenuun maanguddoota 2 Umar Jigsee Umar umriin 85, Ammaraa Aliyyii Musee umriin 82, badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatuu maddeen keenya ibsaniiru.

Maanguddootni hidhattoota koloneel Abiy Ahimediin ajjeefaman kun siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’uu fi namoota wal dhaban walitti araarsuun kan beekaman yoo ta’u, sababni maanguddootni kun murna bilxiginnaan ajjeefamaniif, guyyuma sana waraanni bilisummaa Oromoo tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateef jecha haaloo uummata nagaa irratti akka ba’an barameera.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti maanguddootni Caamsaa 11 sa’atii 8:00 irratti ajjeefaman kun reeffi isaanii akka hin kaafamne gochuun, nama dhufee kaasu arguuf jirra jedhanii reeffa isaanii irra taa’aa turuu fi jiraattota ganda Qorii manaa fi qabeenyaa isaanii irraa ari’uun, haadholii fi daa’imman, ganda Qorii keessaa bosonatti baqachuun muka jala bulaa akka jiranii fi maanguddootni kunneenis awwaalcha dhorkamuun soorata bineensaa ta’aniiru jechuun dabaluun addeessaniiru.

Dabalataanis gaafa Caamsaa 12 bulchaan godina Walloo maqaan isaa Ahimed Alii jedhamu magaalaa Fursee deemuun caasaalee isaanii fi maqaa abbootii gadaan namoota walitti qabuun, nu Faannoo waliin tokko isaan hin tuqnu, diina keenya kan ta’e WBO dhabamsiifna jechuun dhaadachaa turuu odeessi keessoo PP nu ga’e ni ifoomsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading