• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Ejeree keessatti namoonni nagaan lama hidhattoota sirnichaan yoo ajjeefaman, namoonni hedduunis hidhaman

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 13, 2024

Tuffiin murni bilxiginnaa hawaasa Oromoo irratti agarsiisaa jiru kan yeroo kamuu caalaa daraan jabaachuun namoonni siyaasa keessaa hin qabnee fi qooda keessatti hin fudhanne hidhattoota sirnichaan badii tokko malee ajjeechaan irratti geggeeffamaa jira.

Murni bilxiginnaa egeree uummata Oromootti yaaddoo guddaa uumee kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa uummanni nagaan jiraachuuf illee hedduu dhiphachuun jireenya bosonuu akka jiraatan taasisaa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Caamsaa 11, 2024 Lixa Shaggar aanaa Ejeree ganda Dhakaa Booraa jedhamu keessatti namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan irratti loltoota murna bilxiginnaan ajjeechaanii fi hidhaan akkasuma reebichi ulfaataan raawwatamuu jiraattotni ONMtti himan.

Gandicha keessatti Katamaa Baalchaa nama umriin isaa 27 ta’ee fi maanguddoo obbo Alamuu Qananii kan umriin 75 ta’e haala sukkanneessaan ija maatii isaanii duratti rasaasaan waadanii ajjeesuu jiraattotni ibsan.

Akkasuma dargaggoo Teediroos Tuujjoo kan umuriin 18 ta’e irratti reebichi hamaan geggeeffamuun du’aa fi jireenya gidduutti akka argamu illee dubbatan.

Obbo Girmaa Tulluu, addee Kibbinesh Dajanee, addee Alamii Ambassee, obbo Dajanee Gurmuu, Obbo Bacharee Beeggii, Obbo Xiluu Geetaachoo, Mulisaa Qorichaa, Aaddee Balaxuu kaastuu, Obbo urgaa’aa Birruu, Abarraa Asheetee, Obbo Hingaabbuu Ayyalaa, Gaaddisee Dabal, Raggaatuu Faanaa, Aaddee Taaddaluu Baqqalaa, Obbo Baalchaa Joobiraa ilma isaa kan ajjeesanii fi obbo Farajaa Alamuu abbaa isaa kan ajjeesan yoo ta’u, namoota kana hunda mana hidhaa ganda Gorbaa jedhamutti Hidhanii dararaa akka jiran jiraattotni dabaluun addeessaniiru.

Gochoonni hawaasa nagaa irratti raawwatame kunneen namoota hedduutti muffii guddaa uumuu fi yeroo ammaas uummanni qe’ee isaa gad dhiisee godaanaa akka jiru ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading