• Sat. Mar 14th, 2026

Mana hidhaa federaalaa Baatuu keessatti hidhamtootni siyaasaa Oromoo dararamaa jiraachuun dhaga’ame

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 18, 2024

Ilmaan Oromoo bara dhufaa darbaa leellistoota Impaayeera Itoophiyaan ukkaamfamanii seera malee otoo manni murtii hin beekin hidhamuun dhoksaan hanga dukkana keessaa fi lafa jalatti hidhamuun dararaa garaagaraa dhala namaaf hin malle irratti raawwatamaa kan ture yoo ta’u, keessumattuu turtii xiqqoo waggoottan ja’an Bilxiginnaa keessatti immoo haalaan hammaachuun hidhamtoota 100,000 ol sadarkaa federaalaa hanga manneen hidhaa gandoootaa keessatti hidhatanii dararaa jiraachuun waan dhokataa miti.

Hidhamtoonni siyaasaa fi namoonni qulqulluu kumaatamaan lakkaa’aman manneen hidhaa sadarkaa federaalaa jiran keessattis rakkoo hamtuu kan keessummeessaa jiran yoo ta’u, isaanis ija dhaabbilee falmitoota mirga namoomaa addunyaa  garaagaraa jalaa dhokachuun sarbamiinsi mirgoota namoomaa guyyaa guyyaan irratti raawwatamu uwwisa miidiyaalee fi quuqamtootaa dhabuun mana hidhaa keessatti dararamuu itti fufanii jiru.

Yeroo ammaa kana hidhamtoonni siyaasaa Oromoo mana hidhaa federaalaa Baatuutti argamutti hidhamanii jiran akka malee dararamaa jiraachuu miseensi poolisii mana hidhaa federaalaa Baatuu sabaan Oromoo ta’e tokko kan hime yoo ta’u, innis erga sirni  bilxiginnaa aangootti ol ba’ee kaasee ijoolleen Oromoo akkaa fi haala ulfaataa keessummeessaa jiraachuu hima.

Akka miseensi poolisii maqaan isaa akka hin dha’amne barbaadu tokko jedhutti mana hidhichaa keessatti warra sabaan Amaaraa ta’antu ol aantummaa qaba waan ta’eef hireen hidhamtoota siyaasaas ta’e yakkamtoota biroo haala hadha’aa ta’e, reebichaa fi hiraarsa akka maleef ilmaan Oromoo  saaxilamuun dararaa hamaa jala jiraachuu bifa aarii guddaan itti dhaga’amuun dubbate.

Haaluma kanaan hidhamtoonni sabaan Oromoo ta’an torbee lamaa oliif halkanis ta’e guyyaa qilleensa tokko malee ukkaamfamanii haala ulfaataa keessa waan jiraniif uummanni  keenya bifa dandeessan hundaan sagalee nuuf ta’aa rakkoo harkaa nu qabdu kana keessaa nu baasaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading