• Fri. Mar 13th, 2026

Namni nagaan tokko Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti loltoota bilxiginnaan ajjeefame

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 18, 2024

Nagaa uummataa booressuun qe’ee gaddaa fi gadadoo gochaa kan jiran hidhattootni sirnichi bobbaase guyyuu gochoota suukkanneessaa akka ajjeechaa fi argaa dhala namaaf hin tolle hawaasa Oromoo keessatti dalagaa oolu.

Namoonni waa’ee siyaasaa keessaa hin qabne har’a murna bilxiginnaa biratti kabaja dhabuun nama hawaasa isaa keessatti kabajamaa fi akka qaroo sabaatti ilaalaman hawaasicha keessaa dhabamsiisaa jiru.

Gaafa Caamsaa 13, 2024 Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Dhaddacha Bal’aa keessatti nama nagaa maqaan isaa Mitikkuu Tufaa Roorrisaa jedhamu gochaa isaa malee WBO waliin walitti dhufeenya qabda jedhamuun rasaasa sirnichaan ajjeefamuu jiraattonni ONM’tti himan.

Aanicha keessatti ajjeechaa nama kanaa malee namoonni hedduun mana hidhaatti ugguramanii haala yaadessaa keessa jiraachuu fi dhoksaa dhoksaan mana hidhichaa keessaa baafamuun ajjeefamaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading