ONM-ABO Caamsaa 13, 2024
Sudaan Lixaa magaalaa El Fasher jedhamtutti boombiin naannoo hospitaalatti dho’een daa’imman lama yoo du’an kaan ammoo madaa’uun beekame.
Dhiheenya kana lola to’annoo magaalattii irratti taasifamaa jiru keessatti walitti bu’iinsi cimee jira.
Lolli waggaa tokkoo oliif ture kun waraana biyya keessaa kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesee miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’uuf dirqisiise.
Waraanni El Fasher qabachuu danda’eera garuu humni dafee qaqqabaan walakkeessa baatii darbee irraa eegalee magaalattii marsee doorsisaa waan tureef waldhibdeen dabalaa dhufeera.
Jimaata irraa eegalee jiraattonni walitti bu’iinsa cimaa fi wal jijjiirraa dhukaasa cimaa akka argan himaniiru.
Dhohinsi Boombii hospitaala daa’immanii kan naannoo El Fasher fuulduratti mudate ,kutaa yaala cimaa olitti foddaan akka jiguu fi daa’imman lama achitti wal’aansa argachaa turanii fi kunuunsitoonni tokko tokko akka du’an taasiseera.
Dhukkubsattoonnis kan miidhaman yoo ta’u,haleellaa kanaaf eenyu akka itti gaafatamu ifa miti.
Jiraattonni eessatti akka baqatan waan hin beekneef amma sodaan El Fasher keessatti babal’ateera.
Qindeessaan gargaarsa namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Sudaan akka jedhanitti, jeequmsi kun lubbuu namoota nagaa 800,000 ol balaadhaaf saaxilaa jira jedhan.
Tattaaffiin idil-addunyaa dhukaasa dhaabuu giddu-galeessa gochuuf taasifamaa ture irra deddeebiin fashalaa’eera jechuun BBCn gabaasera.



