• Mon. Mar 16th, 2026

WBOn Zoonii Kibbaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugdaa Daawaa Keessatti Tarkaanfii Fudhate

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 17, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa godina Gujii Lixaa Cibraa Gooroo Dugdaa tarkaanfii humna goolessituu diina irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse.

Kaleessa Caamsaa 16, 2024 gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo WBO Zoonii Kibbaa Cibraan Gooroo Dugdaa aanaa Dugdaa Daawaa mooraa humna goolessituu Abiy Ahimed yeroo dheeraaf keessa taa’uun uummata Oromoo daraaraa turtee bakka addaa Doggoo jedhamu irratti tarkaanfii boonsaa fudhatee jira.

Tarkaanfii boonsaa jajjabeen WBO waraana PP irratti fudhateen hedduun ishee du’aa fi madoon adabamuun qawwee Turkii 3 irraa hiikkatee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading