ONM-ABO Caamsaa 19/2024
Korommiiwwan Zoonii waraanaa Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaate rasaasaan iddee baarudaan macheessuun olii fi gadii ari’ee uummata keessaa baasuu itti fufee jira.
Guyyaa kaleessaa Caamsaa 18/2024 waraana faashistii Abiy Ahimediin aadaa fi safuu uummaata Oromoo cabsuun hawaasa nagaa hiraarsaa turte irratti tarkaanfii boonsaa fudhachuun loltoota 13 ajjeesee 17 madoon adabuun gara magaalaa irraa dhuftetti deebisuun dhukkubbii guddaa kaabinoota bilxiginnaatti ta’ee jira.
Akka odeessi keessoo isaanii argame addeessutti haalli amma diinni itttiin socho’aa jirtu kan duraa caalaa haamilee dhabuu fi wal shakkii guddaa keessa seenuun bobbaa irratti wal dhabaa jiraachuun barameera.
Waraanni Abiy Ahimediif amanamoo ta’an kun haamilee dhabuu fi abdii kutannoo irraa kan ka’e uummata nagaa lafa irraa balleessinaa jechuun socho’aa akka jiran odeessi keessoo isaanii ni addeessa.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
