ONM-ABO Caamsaa 21, 2024
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaalee hedduu keessatti uummanni karaalee lamaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraa fi murna bilxigginnaan ajjeechaa qabee hanga samichi qabeenyaa waggootaaf irratti adeemsifamaa jiru itti fufe jira.
Meeshaalee gurgguddaa lafa dheeraa deemuu danda’an qe’ee uummataatti darbachuu fi riphanii ooyiruu namootaa fi daandii hawaasni gabaa fi bakkoota garaagaraa ittiin deeman irra da’atanii taa’uun, namoota haala suukaneessaan ajjeesuu, loon ooffachuu, maallaqa humnaa olii namoonni kaffaluu hin dandeenye gaafachuu fi qe’ee irraa godaansisuun egeree uummata Oromoof humnoonni kunneen yaadessaa ta’anii jiru.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Caamsaa 19, 2024 halkan keessaa sa’a 6:00’tti ganda Coqorsootti hidhattootni Finxaaleyyii Amaaraa kun qe’ee uummataatti gadi bu’uun dhukaasa bananiin, namni maqaan isaa Faaris Mahaammad jedhamu jiraataa ganda Coqorsoo kan ta’e yoo ajjeefamu, Aliyyii Huseen Mahaammad kan jedhamus ganda Coqorsoo irraa madaa’uu jiraattotni dabaluun ibsan.
Leellistoonni sirna moofaa deebisuu qabatanii socho’aa jiran kun lola kallattii 4’n Caamsaa 19, 2024 hawaasa nagaa irratti kan banan ta’uu jiraattotni himuun, Randooyye, Coqorsoo, Elemoo, fi Ashawaa Luxeenitti lola kana taasisanii jiru. Yeroo ammaa kanas hidhattootni Finxaaleyyii kun waan of booda deebi’an fakkaachuun, humna guddaa fi meeshaa gadi fe’aa akka jiran jiraattotni dabaluun ibsaniiru.
Murni faashistii PP yeroo uummanni Oromoo hidhattoota Finxaaleyyii Amaaraa kanaan ajjeefamuu fi mada’u akka hawaasni walitti hin birmanne gochuu fi waraana bilisummaa Oromootu dhufa jechuun daandii gurraacha kanneen akka Qalloo, Caffaa Roobitii, Cirrattii fi Tukkuyyee irratti meeshaa gurgguddaa fe’achuun waraanaa fi milishoota isaa lafa hiisisaa akka jiran jiraattotni dubbachuun, murni bilxiginnaa duras Finxaaleyyii Amaaraa ofii nurratti waan hidhachiiseef, dhumaatiin uummata Oromoo koloneel Abiy Ahimed biratti hanga bineensa bosonaa kabajaa dhabuun, dhumaatii fi buqqaatii hawaasni irra jiru dhoksee akka waan Oromiyaa keessa nagaan jiruutti Paarlaamaa fi miidiyaalee irratti soba dhugaa irraa fagoo ta’e dubbachaa ooluun isaanii ni beekama.







