ONM-ABO Caamsaa 22, 2024 Boqonnaa hawaasa nagaa dhorkaa kan jiran kaabinoonni fi waraanni sirnichaa yeroo ammaa maqaa adda addaa fayyadamuun namoota nagaa hidhaa fi reebicha hamaa irratti raawwachuun manneen hidhaa keessatti dararaa hamaa irratti geggeessaa jiru.
Haaluma kanaan Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa keessatti kaabinoonni aanichaa waraana of dura qabuun uummataan gibira kaffalaa jedhanii maallaqa humnaa olii irraa funaanaa jiraachuu jiraattotni ibsan.
Namoonni gibira waggaatti yeroo sadii kaffalaa jedhanii gaaffii gaafatan namoota maqaan isaanii Fufaa Gonfaa, Jaal’ataa Ittafaa, Dinbaashaa Taarradaa, Dhinsaa Uummataa, Gaarumee Taraffee Gaaddisee Alamayyoo, Mul’ataa Ayyaanaa, Tasfaayee Qurundee fi Asheetuu Bashaa dabalatee namoonni lakkoofsaan hedduu ta’an mootummaaatti ol hasooftu jedhamuun mana hidhaatti darbamanii jiraachuun barameera.
Akkasumas isin ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhamuun reebicha hamaa irratti raawwachuu isaanii jiraattotni ibsuun, gandicha qofa irraa yeroo sadii ol maqaa gibiraan uummata saamaa akka turanis ibsan.
Namoonni kunneenis kanuma irraa ka’uun gaaffii kan nuti beeknu gibirri waggaatti tokkicha kan baranaa maaltu adda godha jedhanii gaaffii gaafatan qofaaf dararaa hanga kana akka irraan ga’anis jiraattorni kun ibsaniiru.
