• Thu. Nov 26th, 2026

Murni bilxiginnaa hayyoota barsiisota Oromoo Yuuniversitiilee adda addaa maqaa Qabsoo Oromoo fi hiriirfama humnaa jedhuun holola isaa mari’achiisaa turuun barame

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 22, 2024

Kaleessa Caamsaa 21, 2024 murni nama nyaataan impaayera Itoophiyaa paartiin koloneel Abiy Ahimed bilxiginnaan, kan uummata seermalee ajjeesu, qe’ee irraa gubu, hidhu, saamu, godaansisu, humna waraanaan marsee beelessu, qoricha irraa kutee miidhaa irraan ga’u, qabee achi buutee dhabamsiisuu fi k.k.f raawwatu, ija ashaboon miiccatee, saalfii malee hayyoota Oromoo barsiisota Yuuniversitiilee garaagaraa biratti argamuun holola siyaasaa fi aantummaa uummataa qabaachuu bilxiginnaa ibsachaa ture. 

Namni hin qaanofne nama qaanessa akkuma jedhan, hayyootni kunneenis maree isaanii irratti argamuun dirqama ta’uun qooda irraa fuudhaniin ejjennoo bilxiginnaan hin qabne garuu soba, fakkeessii, hawwii, kabeebsii fi bolola bilxiginnaan qaban osoo isaan hudhuu hayyootni kun dhaggeeffachuuf dirqamaniiru.

Yuuniversitiilee adda addaa kanneen hayyootni Oromoo keessatti argamanitti qondaaltota isaa kan ramade bilxiginnaan Oromiyaa, Yuuniversitii Wallaggaatti argamuun Obbo Addisuu Araggaa ibsa taasisaa tureera.

Seenaan Aanoolee Sheekkoodha jechuun kan beekamu Obbo Addisuun mata duree ‘Qabsoo Oromoo fi Hiriirfama Humnaa’ jedhuun hayyoota Oromoo barsiisota Yuuniversitii Wallaggaaf ibsa sobaa dhugaa irraa fagaatee fi bu’uura hin qabne ibsuutti rakkachaa ooleera.

Ibsa isaa kanaanis Qabsoon Oromoo fi Hiriirfamni humnaa maal fakkaata jechuun erga ibseen booda ibsa isaa keessatti goyomsaa bilxiginnaan Oromoof qabu kan ta’e, dhimma saboota kaabaa kaaseera.

Akka ibsa isaatti warri Kaabaa Amaaraa fi Tigireen wal ta’anii jiru, tokkummaa isaanii kanaan lola mootummaa Oromoo irratti yoo banan Oromoon ni bada jechuun waan akka sabootni kun xiyyeeffannoon Oromoo balleessuuf ka’anii fi Oromoonis isaan malee of ittisuu hin dandeenyeetti sodaachisa dhageessisuun, hayyootni fi humnootni Oromoo waliin hojjechuu qabu jedhe.

Kanaafis Waraanni Bilisummaa Oromoo galuu qaba, tokko taanee hojjechuu fi diina keenya loluu qabna jechuun warra diina jedhan kana waliin mootummaa geggeessaa jiraachuu dhoksanii, hayyootas wallaalaa taasisee hubachiisuuf yaalaa ture.

Obbo Addisuun dabaluunis akkuma mootiin isaanii Abiy Ahimed waltajjii adda addaa irratti dubbatu Oromoon bilisoomeera, WBO’n bosona taa’uu hin barbaachisu, gaaffiin Oromoo deebi’eeraa fi ofumaa WBO’n tokkummaa Oromoo maaliif jeeqa kan jedhu irra deebi’ee dubbachuun WBO’n hayyootaanis akkasumas uummataan dhiibbaan irratti taasifamee akka dhufee galu gochuun barbaachisaadha jedhe.

Ergamaan bilxiginnaa Oromummaa irra tokkummaa Itoophiyaaf hojjetu kun itti dabaluun, dubbii Ajajaa Olaanaan ABO-WBO  Jaal Marroo Dirribaa fi Itti aanaan isaanii Jaal Gammachuu Abbooyyee dhimma feshelaa’uu araara Taanzaaniyaa ilaalchisuun dubbatan soba bilxiginnaa waan saaxileef holola isaanii deebisanii hayyoota keessa kaa’uuf dhama’aa ture.

Mariin kun kan fashalaa’eef Waraanni Bilisummaa Oromoo dandeettii mari’achuu waan hin qabneefi jechuun waan yeroo darbe ofii isaanii hololaa turan illee dagatee sobaa ture. 

Mariin qondaaltotni bilxiginnaa hayyoota barsiisota Oromoo Yuuniversitiilee waliin taasisan Yunivarsiitii Dambii Doolloo keessattis Itti Aanaa Pirezidaantii Bilxiginnaa Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin guyyuma kaleessaa geggeeffamaa kan ture yoo ta’u, mata dureedhuma wal fakkaataa irratti soba isaanii facaasaa turaniiru.

Waltajjiin kun Yuuniversitiilee Hayyootni Oromoo keessatti argaman keessatti geggeeffamaa kan ture yoo ta’u, bilxiginnaan garuu yeroo adda addaatti kabajaa hayyootaaf akka hin qabne haasaa hayyootni Ikkoonoomiksii akkaataa itti abbaan qabeenyaa soorome qorachuun doktera ta’u malee manaa fi konkolaataa hin qaban jechuun Koloneel Abiy Ahimed jecha arrabsoo dubbatee turuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply