• Thu. Jul 30th, 2026

Barattootni  Yuuniversitii Dambii Doollootti  bara 2024 kana eebbifamuuf deeman komee qabaachuu beeksisan

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 21, 2024 Barattootni yuuniversitii bara turtii barnoota isaanii qabxii darbiinsaaf barbaachisu fiduun yeroo xumura eebbaaf ga’an maqaa warra eebbifamuuf jiru yookaan Graduation Class GC jedhuun wal qindeessanii qophii taasisuun sagantaa adda addaa geggeeffatu. 

Qophiin akkasii kun garuu, gamtaa barattootaa qaamoleen siyaasaa erga gidduu seenuun laaffisanii bifa geddarataa fi harcaatii uumaa dhufeera.

Bara kanas odeessi Yuuniversitii Dambii Doolloo irraa nu qaqqabe akka addeessutti barattootni bara 2024 yuuniversiticha irraa eebbifamuuf jiran koree GC irraa komee akka qaban ibsaniiru.

Akka barattootni kun jedhanitti koree eebbaa GC kana irraa amantaa akka hin qabne, koreen sun gargar cabuu, koreen wal diige akkamiin barattoota ijaara, rakkoo kana koreen GC fi Gamtaan Batattootaa ibsa kennuu dhabuu fi maallaqa gumaachaniif gaabbuu komee isaanii kanaan ibsaniiru. 

Barattootni Yuuniversitii Dambii Doolloo bara kana eebbafamuuf jiran kun komee isaanii kanaaf furmaata waan jedhanis kaa’aniiru.

Hanga dhimmi diigamuu koree kanaa ifa nuuf ta’utti sochii gama sanaan jiru akka nuuf dhaabdan, dhimmoota ijoo dubbii ta’aa jiraniif furmaata amansiisaa akka nuuf keessan, barataan kamiyyuu nyaata isaa irraa kan kutaa ture hunda fudhachuuf mirga akka qaban akka nuuf beektan fi kan hin sirreessine yoo ta’e wal saaxiluuf qophii ta’uu keenya ibsina jechuun kallattii itti deeman ibsa kaleessa Caamsa 20,2024 baasaniin akeekaniiru.

Barattootni Oromoo Yunivarsiitii Dambii Doolloo bara kana humnoota waraana faashistii PP’n xiyyeeffatamanii qabamanii hidhamaa, reebamaa fi doorsifamaa kan turan yoo ta’u, kana mormuufis hanga barnoota lagachuutti ga’anii turan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading