• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Harargee Maayyaa Siitii keessatti milishonni sirnichaa walitti dhukaasanii wal ajjeesuun dhagaa’ame

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 25, 2024

Maqaa garaagaraa itti moggaasuun leenjii waraanaa fi siyaasaa ga’aa malee meeshaa itti hidhuun hidhattoota kan bobbaase murni bilxiginnaa, namoota ergama Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf baatanii bobba’aniin uummanni qe’ee isaa irratti dararaa argaa jira.

Haaluma kanaan godina Baha Harargee Maayyaa Siitii ganda Kabiiraa, araddaa 01 keessatti Caamsaa 23, 2024 halkan keessaa toora sa’a torbaatti, milishootni dhuganii machaa’uun, haadha manaa koo doorsifte, silaayyuu shakkiin sirraa qaba ati miseensa WBO’ti, jechuun nama maqaan isaa Abdii jedhamu miseensuma isaanii rasaasa itti dhukaasuun kan ajjeese yoo ta’u, gareen dubbii kana keessaa qabanis wal shakkuun wal hidhanii jeequmsi guddaan gidduu isaaniitti uumamee jiraachuun barame.

Akka jiraattota Maayyaa Siitii ONM dubbise jedhanitti nuti yeroo ammaa nagaan baanee galuun nutti ulfaatee jira, yoo fedhan nu ajjeesu, kan barbaadan sababa tokko malee qabuun hidhaatti galchanii maallaqa gaafatu, dargaggeessa keenya ammoo dirqiin gara dirree waraanaatti oofu, ijoollota keenyallee barsiifachuu hin dandeenye, walii isaanii irrattis dhukaasuun wal ajjeesu, sababa dhukaasaa kanaan nutilleen bir’achaa rafaa jirraa fi nageenya keenyaaf sodaa guddaa qabna  jechuun dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply