• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa irraa sababa doorsisa PP’n hawaasni qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’uun himame 

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 25, 2024

Murni bilxiginnaa akkuma ajjeechaa, hidhaa, saamicha, gubaatii fi gudeeddii hammeessaa dhufe uummanni Oromoos qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisuun lubbu na baasiif gara magaalota ollaa Gambeelaa fi Asoosaatti uummanni gama godina Qellem Wallaggaa godaanaa jiru.

Godina kanatti maqaa maatii qabsaa’otaati fi hariiroo waliin qabduutiin hawaasa nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan kan dararu sirnichi, hawaasnis boqonnaa dhabuun godaanaa akka jirantu himama.

Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii bulchiinsa magaalaa Qellem keessatti uummanni maqaa leenjii waraanaatti isin geessina jedhuun hedduu dararamaa jiru.

Doorsisa ganamaa fi galgala waraanni maafiyaa PP irraan ga’u dadhabuun namoonni maqaan isaanii: Maarii Taaddasaa, Duulaa Kaasahuun, Adam Guddinaa, Mahaammad Shiggaaroo jedhamanii fi kanneen biroo hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa dararaa sirnichaa dadhabuun qe’ee isaanii irraa buqqa’anii yoo deeman, akka aanaa Gidaamii gandoolee hundatti dargaggoota humnaan qabuun leenjii waraanaatti ergaa jiraachuu jiraattonni aanichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply