• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Horro Guduruu Wallaggaatti hidhaa fi saamichi hawaasa nagaa irratti hammaate

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti waraanni PP  aanaalee adda addaa irraa hidhaa fi saamicha hamaa hawaasa irratti raawwachaa jiru. 

Aanaa Horroo ganda Lootii Aannootii nama maqaan isaa ‘Obbo Kumarraa Daamaraa’  jedhamu “hidhata WBO qabda” jechuun horii 27 jalaa fudhachuun namoota maqaan isaanii Yaaddessaa Tarrafaa fi Dachoo Amanuu jedhaman gaafa Caamsaa 12, 2024 yoo hidhan, aanaadhuma kanaa nama maqaan isaa Taarreqenyi Dhaabaa jedhamu jalaa horii 19  oofuun nama maqaan isaa Obbo Muluu Dhaabaa jedhamu immoo gaafa Caamsaa 12, 2024  badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf hidhan. 

Godinuma kana aanaa Abee Dongoroo ganda Waajitii irraa nama maqaan isaa Dinqaa Toonee jedhamu gaafa Caamsaa 16, 2024 badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf hidhamuun himameera.

Akka godinichaatti uummanni murna bilxigginnaa fi finxaalessaa Amaaraan hedduu miidhaa jabaan wal irraa hin cinne irratti geggeeffamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply