ONM-ABO Caamsaa 24, 2024
Bara murna bilxigginnaa keessa jireenyi uummatatti ibidda kan ta’e yoo ta’u, namoonni danuun keessattuu kanneen jireenya gad aanaa jiraatan jireenyi itti hadhaa’uun yaaddoo jireenyaa keessa galuu yeroo hedduu gabaasaa turre.
Sirni saamicha hojii isaa idilee godhachuun hawaasa saamee humna waraanaa ittiin ijaaru bilxiginnaan, gibira humnaa olii waggaatti yeroo sadii fi isaa ol uummata irraa funaanuu dabalatee gatii taarifaa dhibbantaan ol kaasuun uummanni harka qalleeyyiin hojii guyyaa hojjechuun konkolaataan deddeebi’anii jireenya isaanii geggeeffatan yeroo ammaa daballii taarifaan wal qabateen hedduu yaadda’uu ibsan.
Akka jiraataan Magaalaa Finfinnee ona Qaallittii tokko ONM’tti himetti wantootni hundi yeruma tokkotti gatiin isaa dachaan dabaluu ibsuun, gatiin taarifaa Qaallittii hanga Duukam kan duraan qarshii 25 ture yeruma tokkoon ol kaasuun qarshii 38 taasisan jechuun dubbata.
Kanumaan walqabatee namoonni hojiiwwan adda addaa jidduu sana deddeebi’anii hojjetan mindaa isaanii waliin wal gituu dhabuun guyyaatti dhaqaa gala garshii 76 yoo baasan, ji’a tokkotti qarshii 2,280 akka baasanis ibsan.
Kana malees yerootti qaala’iinsi jireenyaa dhibbentaa 23.3’tti gadi bu’eera jechuun bilxiginnaan miidiyaan hololutti uummatni waan nyaatee bulu dhabuun dararaa argaa fi dargaggootni sababa hojii hin qabneef maallaqa 8000’tiin bilxiginnaan goyomsee waraanaatti ergaa jira.
Yeroo darbe bilxiginnaan konkolaataan boba’aa fayyadamu impaayerattii akka hin gallee fi hirpha boba’aa irratti taasisaa ture akka kaasu dubbachaa turuun ni beekama.



