• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa  Wallaggaatti  maatii qabsaa’otaa ajjeesuu fi barattoota humnaan qabanii gara waraanaatti erguun itti fufe.

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 27, 2024

Godinichatti maatii qabsaa’otaa karaa adda addaan dararuun kan beekamu waraanni impaayera Itoophiyaa,  aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Alaltuutti “ilma keetu bosona jira” jechuun nama maqaan isaa Obbo Huseen Angaree jedhamu gaafa Caamsaa 24, 2024 halkan mana isaatii gadi waamuun rasaasa itti roobsanii ajjeesan. 

Obbo Huseen maatii harka qalleessa gaafa ta’u, sababa ilmi isaa WBO keessa jiru qofaaf du’uu isaa jiraattonni gandichaa himanii jiru.

Dabalataanis, aanaa kanatti waraanni faashistii Abiy Ahimediin durfamu jiraattota hojii dhuunfaa isaanii hojjetan qabanii akkuma gara leenjii waraanaatti guuraa turan, yeroo ammaa kanas ganda Inimaayii Somboo irraa barattoota  sadarkaa tokkoffaa baratan humnaan qabanii gara leenjii waraanaatti ergaa jiru.

 Gaafa Caamsaa 20, 2024 ganda kana irraa “biyya keessaniif loltu” jechuun irratti dhukaasa bananii barattoota maqaan isaanii: Abdii Daangilaa, Abdii Waaqtolaa fi Abdii Abbayyaa jedhaman qabanii mana barumsaa addaan kuchisiisuun gara leenjii waraanaatti erguun himameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading