• Mon. Jan 12th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti namoonni lama  haala suukkanneessaan loltoota PP’n ajjeefaman

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 22, 2024

Daandiin keenya ida’amuu galmi keenya badhaadhina kan jedhu murni nama nyaataa pp garuu jechaaf gochi warra dugda garaa akka ta’e taateen guyya guyyaan Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiran ni mul’isu.

Waraanni Abiy Ahimed sodaa waraana bilisummaa Oromoo irraa qabuuf jecha Oromiyaa dirree dhiigaa godhuun guyya guyyaan dhiiga qeerroof qarree, jaarsaa fi jaartii Akkasumas  ol-adeemtota boriif sabi kun eeggatu kichuu hedduu karaatti cabsaa jiru.

Kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane akkuma Oromoon jedhu waraanni Abiy Ahimed sodaa ijjollee mataa guduruutiif jecha nadheen, ijjoollee qe’ee  keessatti akka bineensaatti adamsee fixaa jira. 

Guyyaa kaleessaa  Caamsaa 21, 2024  Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Qoricha Dheeraa keessatti ganama sa’a 3:00 irratti namoota lama abbaa maatii kan ta’anii fi hojii qonnaa irratti bobbaa’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan irratti loltoota kolonel Abiy Ahimediin ajjeechaa sukkanneessaan raawwatamuu jiraattotni ONMtti himaniiru.

Namoonni gandicha keessatti ajjeefaman maqaan isaanii Fayyisaa Mul’isaa fi Lataa Warquu kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni himuun, Fayyisaan abbaa maatii sadii fi umriin isaa nama waggaa 30 yoo ta’u, Lataan ammoo abbaa maatii 9 fi umriin isaa waggaa 40 ta’u dabaluun ibsan.

Obbo Lataa erga ajjeesanii hawaasni kaasee awwaallan itti deebi’anii awwaalcha keessaa baasuun bakkeetti waraabessi nyaachuu qaba jechuun reeffa isaa illee bineensa nyaachisuuf hawaasa irraa ari’aa turuus ibsan.

Sababni ajjeefamuu namoota kanaas hidhattootni kunneen aanaa Ejersa Lafoo ganda Daannisa Shoonnoo jedhamu irraa ka’uun akkuma ganda sanatti imalaniin mana namoota irra deemun mana maatii qabsaa’otaa nutti himaa kan jechaa turan yoo ta’u, jarreen kunneenis hin beeknu yeroo jedhaniinitti ni sobdu jechuun battalumatti dhukaasa itti bananii akka ajjeesanis himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading