• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa ona Qilxuu Kaarraa keessatti namoonni nagaan humnoota waraana faashistii impaayeera Itoophiyaan butamaa jiraachuun himame 

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Oromiyaa keessatti maqaa qaamolee nageenyaan kanneen aangoo impaayeera Itoophiyaa of harkaa qaban dhalattoota Oromoo kutaalee Oromiyaa keessa jiraatan irratti “hidhaa jumlaa gaggeessaa jiru.

“Murni bilxiginnaa impaayera Itoophiyaa bulchu koloneel Abiy Ahimed, uummata Oromoo  eenyummaa isaanii irratti xiyyeeffachuun hidhuu fi dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojiilee farra namoomaa gochaa jira.

Jibba sabummaa Oromoof qaban irratti hundaa’e kutaalee Oromiyaa adda addaatti mul’isuu itti fufuun dheengadda Caamsaa 22, 2024 dargaggoota sadii kanneen maqaan isaanii: Gammachiis Tasfaa, Yohaannis Gammachuu fi Boonaa Geeta’uu jedhaman waraanni faashistii PP ona Qilxuu Kaarraa bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa sochii taasisan ganda Guyyoo Daallee bakka addaa Bataskaana Madaani’aaleemii jedhaamuu  qabanii  hidhuun barameera.

Dargaggoonni waraana sirna PP’n qabaman kunneen yeroo ammaa bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa keessatti manneen hidhaa keessatti hiraarfamaa akka jiranis jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading