ONM-ABO Caamsaa 27, 2024
Waraanni faashistii PP lola Tigraay boodas Oromiyaa keessatti lola kan itti fufee fi Amaaraa keessatti lola haaraa eegale loltootni isaa fedhii lolaa dhabuun dirree lolaa irraa injifatamuu fi sirnicha dhiisanii ganuu jabeessanii jiraachuun dhaabbaticha nagaa dhorkuu irra darbee barcuma Abiy Ahimediif yaaddoo ta’uun isaa maree keessoo isaaniin ilaalamaa ture.
Waraana kumootaan booji’amu kumootaan du’u kumootaan ganu qabatee humna jabaa ijaarree jirra kan jedhu bilxiginnaan, amma ammoo waraanni kiyya rakkoo xiinsammuu qabu, kanaaf leenjii kennaafiin jira jedha Humni Ittisa Impaayerattii.
Akka fuulbarruun Humna Ittisa impaayerattii kaleessa Caamsaa 26, 2024 ibsetti leenjii kana irratti Direkteerri Daarektoreetii Misooma Xiinsammuu Raayyicha qaawwaan gama kanaan isaanitti uumamuu ibsuun, ilaalcha naamusaa fi ijaarsa xiinsammuu waraana faashistii ijaaruun barbaachisaa ta’uu dubbate.
Kanas karaa miidiyaalee, aartii fi barreeffamoota ijaaroon waraana isaanii diigamaa jiru suphuuf akka hojjetamuu qabu leenjii kana irratti kaasaniiru.
Dhaabbatichi yeroo adda addaatti duula miidiyaatu na irratti geggeeffamaa jira jechuun himachaa ture. Leenjiin ogummaa hooggantootaa fi ogeessotaaf kennamaa jiru kun kufaatii waraanni bilxiginnaa keessa jiru kan akeekuudha kan jedhan namootni itti dhiyeenyaan quba qaban, waraanni naamusaa fi haamilee hin qabnu yeroo ammaa waraana impaayera Itoophiyaati jedhan.
Leenjiin kun torbanootaaf kan itti fufu yoo ta’u, irra guddaan isaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi Faannoo loluu dadhabdanii akkamiin karoora keenya gaanfa Afrikaa irratti raawwannaa yeroo ta’u, loltootni bilxiginnaa 15 torbanoota muraasa dura Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti WBO’n booji’amuun ni yaadatama.



