• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni faashistii PP Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti halkan mana namootaa sakatta’an

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 27, 2024

Murni faashistii PP Waraana Bilisummaa Oromoo bakkaayyuu dhabamsiisneerraan miidiyaa irraa lafa dhiitu, kaabinootni fi deggertootni kaffaltii irraa argatan dibbee injifannoo kijibaa dha’an, sodaa Waraana Bilisummaa Oromootu magaalaa keessaa fi magaalaa jalatti nu rukuta jedhuun sakatta’insa hammeessanii jiru.

Akka kanaanis dheengadda Caamsaa 25, 2024 galgala toora sa’a 4 irratti godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Muggii manneen uummataa cufa irra deemuun waraanni faashistii PP sakatta’iinsa geggeessaa turan.

Sakatta’iinsa kana manneen uummataa keessa seenuun siree jala, sanduqa, saanduqa dhaabbii fi kutaalee ciisichaa keessa seenuun geggeessaniin hawaasa hirriba keessaa wareersuu fi maallaqa akkasumas faayaalee mormaa  dubartootaa saamaa turuun barameera. 

Loltootni maafi’aa PP kun namoota halkan mana banuu didan cabsanii itti seenaa fi namoota didan sana irrattis reebicha kan geggeessan yoo ta’u, sababni sakatta’iinsa kanaas gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo isaan badeera ittiin jedhan, magaalaa keessa seenee, mana hawaasaa da’oo godhachuun nu rukutuuf karoora qaba jechuun raafamaa turuu maddeen keessoo PP’tii nu qaqqabe ni addeessa.

Oduu biraatiin ammoo dargaggoota aanaalee godina Qellem Wallaggaa cufa irraa humnaa fi goyomsaan qabee leenjii waraanummaaf magaalaa Dambii Doollootti walitti qabanii turan osoo maatiin duukkaa boo’uu guyyaa kaleessaa konkolaataa hawaasaa dirqiin qabanii fe’uu maatiin dargaggoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading