• Wed. Mar 18th, 2026

Baha Shaggaritti kaabinootni bilxiginnaa baajata mootummaa fi eegdota fayyadamuun mana dhuunfaa akkasumas kiraa isaanii dhiisuun hoteela bulaa jiraachuun barame

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Murni cubbamaan Abiy Ahimed aangoo isaa tursiifachuuf loltootaa fi kaabinoota isaatti dirqama namoota fixuu itti kennee erga raawwachiisuu eegaleen booda, jibbiinsa uummatni hojjettoota bilxiginnaaf horateen ofitti amananii qofaa deemuu, mana jireenyaa isaanii keessa buluu fi maatii dubbisuu irraa erga of qusatanii bubbulaniiru.

Akka kanaanis godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti qondaaltotni waraanaa fi kaabinootni baajata mootummaa dhuunfaa isaaniif baafachuun hoteela kireeffatanii bulaa akka jiran barameera.

Caasaaleen bilxiginnaa kun kana kan raawwachaa jiraniif gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromootu sababa badii keenyaaf dhufee nu irratti tarkaanfii fudhachuun nu ajjeesa jedhanii akka ta’e barameera.

Magaalaa Maqii malees magaalota akka Bishooftuu, Adaamaa fi Adaamii Tulluu keessatti sodaa irraan kan ka’e caasaan bilxiginnaa mana bulaa akka hin jirre odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Murni bilxiginnaas sodaa humni waraanaa WBO’n magaalaa seenee caasaa waraanaa fi bulchiinsaa kiyya irratti tarkaanfii fudhata jedhuun halkan halkan sa’a 4:00 12:00’tti manneen jiraattotaa irra deemuun hirriba irraa kaasuun heyyama seeraa malee afaan qawween sakatta’aa jiraachuun barameera.

Kun kanaan osoo jiruu tarkaanfii caasaa bilxiginnaa irratti magaalaa Dambii Doolloo fi Zuwaay Dugdaa magaalaa Maqii keessatti fudhatameen tiksitootni impaayerattii 5 madaa’uun barameera.

Tarkaanfii Hoteelaa Makuriyaa irratti guyyaa dheengaddaa Caamsaa 27, 2024 fudhatameen tikootni bilxiginnaa 4 yoo midhaman, isaan keessaa itti gaafatamaan isaanii mataa rukutamuun hospitaala magaalaa Maqii iraa gara Bishooftuu achiiyis dadhabnaan gara hospitaala Adaamaatti ergamee yaalamaa jira.

Magaalaa Dambii Doolloo keessatti tarkaanfii humni magaalaa waraana faashistii tokko irratti ganda 07 keessatti fudhateen madoo guddaaf saaxilamuun yeruma sana hospitaala Dambii Doolloo kutaa baqaqsanii hodhuu seenee yaalamaa jiraachuu fi haala yaaddessaa keessa akka jiru barameera.

Kana irraa ka’uunis kaabinootni bakkoota adda addaatti Waraanni Bilisummaa Oromoo badeera jettanii nu hin haasofsisinaa, hojiin nuti isiniif hojjennu godaannisa seenaa ta’ee darba, booda irras balaa qaamaa fi lubbuu nu saaxila jechuun tarkaanfii magaalaa Maqii hoteela Makuriyaa irratti fudhatame, kan bilxiginnaan mana ciisichaa Abbabaa keessaa baasuun Jaal Battee Urgeessaa irratti fudhataniin wal qabsiisanii dubbachaa jiraachuu odeessi keessoo bilxiginnaa magaalaa Maqii irraa arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading