• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Lixaa  fi Arsii Bahaa keessatti waraanni gabroomfataan PP ilmaan hiyyeessotaa dirqamaan gara mooraa leenjiitti guuruu itti fufe

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 28, 2024

Dirree dimookiraasii babal’ifannaa  fi nagaa waaraa impaayeera Itoophiyaaf  buusna jechuun sirni bilxiginnaa holola miidiyaa isaan guyyuu afarsaa  oolu, garuu faallaa sirna diimookiraasii hojii isaa abbaa irrummaa hiddaan gadhaabuuf humnoota waraanaa kuma dhibbootaan leenjisee hawaasa Oromoo du’aaf qopheessaa jira.

Ukkaamsaan namoota umrii ijoollee irraa jalqabee hanga namoota gurguddaatti taasifamaa jiru manneen jiraattotaatti gaddaa fi gadadoo ta’uun osoo maatii fi daa’imman walii isaaniitti boo’anii sirni badii PP bakkoota hundaa konkolaattota dhaabee fe’aa akka jiru jiraattonni godina Arsii lamaanii ONM’tti himan.

Guyyaa kaleessaa Caamsaa 27, 2024 konkolaattota baay’inni isaa 30 ol ta’e guutuutti fe’anii bulchiinsa magaalaa Shaashamannee fi Arsii Nagallee keessatti walitti qabanii gara mooraa leenjiitti ergaa akka turanis himan.

Maatiin sodaa lubbuu isaaniif jecha osoo ilmaan isaanii bo’anii gara dirree lolaatti ergaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Leave a Reply