• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Gordommoo keessatti uummata mana amantaatii waaqeffannaa irra jiran Waraanni PP  ol itti seenee ajjeechaa jumlaa irratti raawwachuun dhagaa’ame

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 28, 2024

Koreen ajjeechaaf murna bilxigginnaa irraa ajaja fudhachuun Oromiyaa keessatti hundeeffamanii jiran, duguuggaa sanyii Oromoo irratti geggeessaa jiraniin namoonni nagaan akka baalaa harca’aa jiru.

Waraanni goolessituun murna PP dhala namaaf naasuu tokko hin qabne goleewwan Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa badii tokko hin qabne dachee abbaa isaa irratti hidhaa, saamaa, mana irratti gubaa fi  ajjeechaa jumlaa irratti geggeessaa jiraachuun isaanii kan beekamuudha.

Tiksitoonni sirna nama nyaataa bilxiginnaa Kun Caamsaa 26, 2024 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Gordommoo keessatti amantoota waldaa Qaale Hiwoot jedhamu irratti osoo isaan kadhannaa irra jiranii sababa tokko malee ol itti seenuun rasaasa itti roobsanii ajjeechaa jumlaa irratti kan geggeessan oggaa ta’u gariin immoo reebicha ulfaataa irratti raawwataniin du’aa fi jireenya gidduutti argamu.

Dabalataanis mana sagadaa sanas ibiddaan gubanii akka barbadeessan jiraattoonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply