ONM-ABO Caamsaa 31, 2024
Murni bilxiginnaa biyyoota ollaa irra deemee gargaarsa waraana isaaf osoo guyyuu kadhatuu, maallaqni biyyoota dhihaa fi Arabaa isaa ga’uu hanqachuun sababoota garaagaraa qophooffatee namoota irraa maallaqa guuruu jabeessee jira.
Ajandaa badii uummata Oromootti gad-buusuun murni faashistii PP namoota hiraarsaa kan jiru godina Baha Harargee aanaa Baddannoo Araddaa Gooroo-Wadoo jedhamu keessatti kaffaltii maallaqa mana murtii aadaa jedhuun Caamsaa 29, 2024 namoota irraa qarshii 200 tokkoo tokkoo isaanii irraa guuraa turan.
Jiraattoota maallaqa gaafatanii dhaban ammoo sababoota irra funaanuun isin deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jechuun namoota baay’inni isaanii 107 ta’aan manneen hidhaatti darbatanii jiraachuun barameera.
Rakkooleen Oromiyaa gama bahaatiin hawaasa Oromoo irra ga’aa jiru jabaatee itti fufuun namnuu qe’ee isaa keessatti sababa Oromummaa isaa qofaaf jecha saamamuu, hidhamuu fi leenjii waraanaatti dirqamaan waraana PP’n ergamaa akka jiranis dabaluun ONM’tti himaniiru.


