ONM-ABO Caamsaa 31, 2024
Murni abbaa irree bilxiginnaa hawaasa maqaa deggersaa fi tumsa paartii badhaadhinaa jedhuun jiraattota haalli qaala’iinsa jireenyaa itti ulfaatee jiru dararaa akka jiru hawaasni ONM dubbise bakkeewwan hedduu irraa yaada isaanii nuuf qoodaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti waraanni fi milishoonni gaachana sirnaa jedhamuun koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman bakka deeman cufatti hojiilee idilee isaanii saamicha qofa gochuun hawaasa hojiilee akka daldalaa, barsiisummaa, konkolaachistoota, abbootii qabeenyaa, qonnaan bultootaa fi kanneen biroo irratti bobba’an hundaa hiraarsaa akka jiran dubbatu.
Bifuma kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchiinsa magaalichaa Qilxuu Kaarraa keessaa kaadiroonni sirnichaa maqaa gamoo paartii badhaadhinaa ijaarra jedhuun sadarkaa sadiin namoota addaan fo’uun Garee ‘A’ irraa qarshii 50,000, Garee ‘B’ irraa qarshii 30,000 fi garee ‘C’ irraa ammoo qarshii 10,000 jechuun namoota dirqamsiisanii guuraa akka jiranis himan.
Haalli sarbamiinsa mirgoota namoomaa onicha keessatti deemaa jiru yaaddessaa ta’uus kan himan jiraattonni, hawaasni hanga hojjetee argatuun olitti Maallaqa gaafatanii fi kanneen waan kaffalan dhabanis hireen isaanii manneen hidhaa ta’aa akka jirus himaniiru.
