ONM-ABO Caamsaa 31, 2024
Humnoonni Israa’el Kamisa kalleessaa haleellaa xiyyaaraa barii kibba Gaazaa Rafah irratti raawwataniin yoo xiqqaate lammiilee Falasxiinota 12 ajjeesuu isaanii fi naannoolee biroo hedduu naannoo qarqara galaanaa jiran keessatti lolli akka ka’e ogeeyyiin fayyaa Gaazaa himan.
Maddeen yaalaa Gaazaa akka jedhanitti, lammiileen Falasxiin nagaa 12 ta’an haleellaa xiyyaara Israa’el giddugala magaalaa Raafaa keessatti reeffa nama nagaa deebisuuf yaaluun ajjeefamanii lakkoofsi isaanii hin ibsamne madaa’uu isaanii ibsaniiru.
Lammiin nagaa Falasxiin biraa haleellaa xiyyaaraa mooraa baqattootaa Al-Shati kan magaalaa Gaazaa irraa gara dhihaatti argamu kaaba naannoo namoonni baay’inaan jiraatanitti haleellaa raawwataniin ajjeefamuu isaa ogeeyyiin fayyaa himaniiru.
Israa’el walitti bu’iinsa kibba, giddu galeessaa fi kaaba Gaazaa keessatti uumame gabaastus garuu du’a Rafah keessatti ta’e ilaalchisee gabaafame irratti battalumatti yaada hin kennine.
Manni murtii olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Israa’el haleellaa ishee akka dhaabdu ajaja kennus sakatta’iinsa Raafaa irratti raawwachuu itti fufteetti.
Humnoonni Israa’el loltoota Hamaas hundee irraa buqqisuu fi namoota booji’amtoota achitti hidhaman baraaruuf yaalaa akka jiran kan himan yoo ta’u, manni murtii haqaa idil-adunyaa booji’amtoota Hamaas Gaazaatti qabaman akka gadhiifamanis gaafateera.
Waraana qilleensaa fi lafaa Israa’el Gaazaa keessatti geggeessiteen lammiileen Falasxiin kuma 36 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, kanneen keessaa 53 sa’aatii 24 darban keessatti ajjeefamaniiru jedha ministeerri fayyaa naannoo Hamaas bulchu jechuun Arab news gabaasera.




