• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaalee hedduu keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa hidhattoota sirnichaan raawwatamuun  jabaatee itti fufe

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Uummanni Oromoo lafuma irratti dhalate irratti sirna bulchiinsa Abiy Ahimed keessa karoora ergamtoonni sirnichaa sadarkaa godinaa hanga aanaatti jiran guyyaa guyyaan baasaa oolaniin, namuu Oromummaa isaa qofaan yakkamuun kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa xiqqaa hanga guddaa, wallaalaa fi beekaa osoo hin jedhin irratti raawwachaa oola.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Buukkoo keessatti Caamsaa 28, 2024 hidhattootni murna maafi’aa PP hawaasa nagaa gooluuf gandichatti bobbaafaman namoota nagaa irratti reebichaa fi hidhaa raawwachaa jiru. 

Namoonni murna bilxiginnaan hidhaman kunneenis maqaan isaanii Ahimed Nuuruu ganda Adaaloo, Mahaammad Abbayyuu ganda Ajoo,  Abduu Abraahim ganda Buukkoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Booraatti hidhuu jiraattotni dabaluun ibsan. 

Namoonni hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin hidhaman kun badii qabaatanii osoo hin taane, sababa waraanni bilisummaa Oromoo Caamsaa 28, 2024 waraana faashistii PP irratti bakka Qurquroota jedhamutti tarkaanfii irratti fudhatee du’aa fi madoon adabeef, kan haleellaa kana irraa hafan qe’ee uummataa keessa deemuun hawaasa nagaa irratti dararrii fi hidhaa akka raawwatan dubbataniiru.

Aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Hiddaa Biloo keessatti ammoo kaleessuma Caamsaa 28, 2024 milishoonni sirnichaa uummata ganda sanaatti humna guddaan kan bobbaafaman yoo ta’u, labsii murnichi milishoota kanneen yeroo qe’ee hawaasaatti bobbaasu baaseen, namni tokko uummata ganda Hiddaa Biloo keessa jiraatan yoo ajjeese, qawwee tokkoo fi qarshii 50,000 badhaasa qabdu jechuun milishootni kunneen uummata irraan miidhaa ga’aa turaniiru. 

Milishoonni kunneenis torbee tokkoof ganda sanatti buufata godhachuun qe’ee hawaasaa keessatti dhukaasaa jiraachuun yoo dubbatamu, yeroo ammaa jiraattotni ganda Hiddaa Biloo qe’ee fi qabeenyaa isaanii dhiisuun lubbuu isaanii oolfachuuf jecha bosona keessatti, beela, aduu fi qorraan waadamaa fi qabeenyi isaanii manca’aa akka jiru dubbataniiru.

Guyyuma kaleessaa Caamsaa 28, 2024 milishoonni kunneen ganda Arja’oo keessaa dargaggoo ganna 18 kan maqaan isaa Adam Abdallaa Haajii qabanii hidhuun barameera.

Akkasumas aanaa Dugugguruu keessatti Caamsaa 28, 2024  hidhattootni sirnichaa ganda Luugoo fi Mataharaa keessatti hawaasa dirqiin waltajjii baasuun namoonni waljattii kana irraa haftan ni hidhamtuu fi maallaqaan adabamtu jechuun erga baasaniin booda, namoota maqaan isaanii Gurraachaa Tamsoo, fi Mahaammad Ammad Mahammad Jifii jedhaman qabuun uleedhaan tumanii miidhaa qaamaa irraan ga’uun akka hidhan barameera.

Akka jiraattotani ganda Mataharaa ONM dubbise tokko tokko jedhanitti namoonni hidhaman kunneen yakka dalaganii osoo hin taane waltajjii kana yoo haftan ni hidhamtuu fi qarshiin adabamtu waan jedhameef kan dhaqan yoo ta’u, yeroo isaan ba’an, namoota barbaadaa turre arganne, isaan deggartoota waraana bilisummaa Oromooti ittiin jechuun uleedhaan tumaa qabanii akka deeman  dubbatan.

Dhugaan lafa jiru garuu namoonni kun hojii qonnaa hojjechuun maatii isaanii kan jiraachifatan malee siyaasa kam keessaa qooda akka hin qabne dabaluun dubbataniiru. 

Oduu reebichaan wal qabatuun ammoo, aanuma Jiillee Dhummuuggaa ganda Hiddaa Biloo fi Yaatuu keessatti milishoonni sirnichaa torbee tokkoof qe’ee hawaasaatti bobba’anii dhukaasa banuun jiraattota irraa kan buqqisan yoo ta’u,  guyyaa har’aa Caamsaa 29, 2024 ganama barii barraaqaan hawaasa qe’ee gadhiisuun ooyiruu isaanii biratti galan achi deemanii dhukaasa irratti banuun, daa’imman, haadholii, maanguddootaa fi beelladoota irra miidhaan jabaan dhaqqabee jiraachuu himuun, haalli yeroo ammaa uummanni ganda sanaa keessa jiru hedduu yaaddessaa ta’uu odeessi godina Walloo irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading