• Mon. Mar 16th, 2026

Koomishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa ibsa  qorannoo kaleessa Caamsaa 28, 2024 baaseen mirgoonii namoomaa Itoophiyaa keessa akka hin jiree ifoomse

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Naannoolee Oromiyaatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi waraana mootummaa kan isaan jedhan bilxiginnaa Abiy Ahimed waliin wal waraanuu fi naannoo Amaaraa keessattis Faannoo  waliin wal lolaniin namoonni nagaan 100 ol ta’an ajjeefamuu qorannoo isaatiin ifoomseera.

Akkasumas, Naannolee biroo keessattis kanneen akka  Somaalee, Sidaamaa, Affar fi kanneen biroo keessattis  sarbamiinsi mirgoota namoomaa akkuma itti fufetti jira jechuun qorannoo isaa keessatti Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa miidhaalee jiranis ifoomseera.

Miidhaaleen hawaasa nagaa irratti raawwatamu jedhames: Ajjeechaa seeraan alaa, miidhaa qaamaa, seeraan ala qabeenya saamuu, hidhaa sababa malee, qe’ee irraa buqqa’uu fi gudeeddiin daran hammaachuu koomishiniin kun ifoomseera.

Miidhaalee kanneeniifis sababoota gara garaa kaasuun, naannoo Amaaraa keessatti ji’a Gurraandhala 7 hanga Caamsaa 13, 2024’tti namoonni nagaan 28 ajjeefamuu fi Oromiyaa keessattis ji’a Muddee 25, 2023 hanga Ebla 16, 2024’tti  namoonni nagaan 71 ajjeefamuu ifoomseera.

Naannoo Oromiyaatti waraana bilisummaa Oromoo waliin wal waraanuun waggoota lakkoofsiisuu kaasuun  mariin Taanzaniyaa Daar es Salaamitti  geggeeffame uummanni abdiin eegus walii galtee malee xumuramuus ibseera.

Koomishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa ibsa imbaasiin Ameerikaa yeroo dhihoo baase marii Taanzaaniyaa Daar es Salaamitti WBO fi Mootummaa gidduutti taasifameen WBO galateefachuu fi jabaadhaa ammallee abdii hin kutinaa jechuun kan yaadatamuudha.

Shittoo qaalii Masriitti hojjatamu duuba saamicha dafqa ijoollee jiru BBCn saaxile.

ONM-ABO Caamsaa 29,2024 Kaampaaniiwwan shittoo fi wantoota miidhaginaaf oolan oomishan galteewwan ijoolleen funaanan irraa ta’uu BBC qoratee saaxile. Galteen shittoo qaaliif oolu jaasmiin jedhamu ijoolleen akka funaanamu BBCn qorannoo gaggeesseen bira gaheera.

Dhaabbileen Bareeedinaa Lancôme fi Aerin jedhaman oomisha shittoo fi miidhaginaa meeshaa dheedhii kan argatan kanneen galtee ijoollee umriin hin geenye harkaan funaansisan irraayi.

Jaasmiin abaaboo biqiltuu shittoo qaalii omishuuf galtee ijoo yoo ta’u addunyaarratti walakkaa ol abaabon jasmiin kan funaanamu Masrii irraati.

Hojjattoonni dhaabbilee shittoo qaalii fi biraandii addunyaa ta’anii dhoksaan BBCtti akka himanitti dhaabbileen kun bajata waan xiqqeessaniif, kaffaltiin kanneen galtee shittoo dhiyeessaniif kaffalamu akka xiqqaatu gochuu himu.

Kanneen Masiriidhaa abaaboo jaasmin funaanuun dhaabbilee shittoo oomishaniif ergan sababa dhaabbileen kun bajata xiqqeessaniif ijoollee hirmaachisuun akka funaansisan himu.

UNtti ripportara gita bittaa ammayyaa kan ta’an,Tomoya Obokaata, qorannoon BBC waan ifa godhe arguu isaanitti akka gaddan ibsan.

Heebaan, Masirii bakka wiirtuu oomisha abaaboo jaasmiin taate, Gharbiyaa keessa jiraatti. Aduun abaaboo osoo hin miidhin dura ganamaan kaatee funaanuuf jecha halkan waarii sa’aatii 9tti maatiishee dammaqsiti.

Heeban akka jettutti ijoollee ishee afur nyaachisuuf jecha hojjetti. Masiriitti akkuma namoonni heddu abaaboo jasmiin funaanan godhan, Heeban dhuunfadhaan hojjatti. Ishee fi ijoollenshee hammuma funaanan, galii argatu.

Halkan tokkotti, ishee fi ijoollenshee osoo abaaboo jasmin 1.5kg funaananii gareen qorannoo BBC biratti argamuun waraabera. Kan gurgurtee argatte keessaa harka sadi abbaa lafaatiif erga laattee booda kan isheedhaaf hafe dolaara 1.5 qofa.

Masrii keessatti namoota 30,000 abaaboo galtee shittoo qaalii ta’e, jaasmiin, funaanan keessaa meeqa ijoollee akka ta’an hin beekamu. BBCn bara 2023 bakka abaabon jasmin funaanamu heddu deemun lammiilee Masirii heddutti dubbatee, sababa gatiin gadi bu’eef maatiin heddu ijoolleesaanii akka hirmaachisan BBCtti himaniiru.

Masiirii bulchiinsa Gharbiyaatii abaaboo oomisha shittoof oolu, jaasmiin, kan funaantu Heebati gatiin shittoo abaaboo isheen funaantuu addunyaarratti meeqa akka ta’e gareen BBC gaafa itti himu afaan qabatte.

“Uummanni as jiru warri abaaboo funaanu gatii homaa hin qabu jechuudha,” jette.

“Namoonni shittoo fayyadaman gidiraa daa’immanii achi keessatti akka ilaalanii fi dubbataniifan barbaada,” jetti jechuun BBC gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading