ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024
Bulchiinsa isaa fudhatamaa taasisuuf kan dhama’aa jiru bilxiginnaan maqaa maree biyyaalessaa jedhuun naannolee irratti paartilee mormitootaaf waltajjii uumuun holola irraa hojjetachaa jiru.
Akka kanaanis kaleessa akka miidiyaaleen bilxiginnaa balballoomsaa jiranitti paartilee maqaaf mormitoota Oromiyaa keessa jiran jedhaman walitti qabuun naannicha keessatti misooma deemaa jiru ni deggerra jedhan jechuun ibsaa jiru.
Haa ta’u malee paartiileen kun bilxiginnaan kan utubamanii fi deggeraman yeroo ta’u, isaan duula lolaa saboota irratti bilxiginnaan labsee geggeessaa ture, du’uu, hidhamuu, manca’uu qabeenyaa fi godaansifamuu lammiilee deggeraa warra turanii dha.
Har’a paartilee yaada bilxiginnaa fudhatanii socho’aniif haalli yeroo mijatee holola irraa tolfatan warra akka ABO fi KFO jalaa ammoo qondaaltotaa fi miseensota hidhaa fi ajjeesaa jiru.
Bilxiginnaan yeroo ammaa duula Maree Biyyooleessaa hawaasa keessattii fi hayyoota biratti fudhachiisu, akkasumas hawaasa idil addunyaa biratti ija gaariin ilaalchisu argamsiisuuf paartilee mormitootaa Bilxiginnaan haalli mijateefii jiraatan naannolee keessa deemsisee bakkoota murtaa’aa fi eegumsa qabu daawwachiisuun yaadota mormitoota biroo fi xinxaltootaa ittiin rukutuuf hojjechaa jira.
Dhugaan jiru garuu akka dhaabbileen bilxiginnaa maallaqa kenneefii daawwachiisuun waanti dhageenyuuf argine tokko miti jechuun Oromiyaan nagaa ta’uu fi misooma irra jiraachuu ibsuuf ittiin yaalan osoo hin taane, Oromiyaan biyya lammiileen isheen guyyaatti lubbuu fi qabeenyaa itti dhabaa, hidhaan ammoo adabamaa oolan ta’uun ni beekama.


