• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha  Harargee Ona Dadaritti ittaanaan bulchaa gandaa nama tokko rasaasaan dha’ee madeesse

Jun 3, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024

Faashistoonni murna bilxiginnaa lola waraana bilisummaa Oromoo waliin dirree Oromiyaa  keessatti geggeessaa ooluun madaa’uu , ajjeefamuu, fi booji’amaa ooluun isaa ni beekama. Garuu faallaa isaa waraana isaan lolu dheessanii uummata Oromoo  rasaasaan bobeessuun amala isaaniiti. 

Haa ta’u malee ergamtoonni sirna gabroomfataa PP kun namoota nagaa homaa of harkaa hin qabne hidhuu, saamuu, ajjeesuu, humnaan leenjii waraanaatti erguu fi rasaasaan rukutanii madeessuu uummata irratti jabeessanii jiru.

Godinaalee Oromiyaa maratti jaleen waraana PP itti gaafatamummaa olaanaa fudhachuun uummata irratti yakkoota gara jabinaa raawwachaa jiraachuun beekamaa yoo ta’u, godina Baha Harargee ona Dadar ganda Laga Soqaa jedhamutti ittaanaan bulchaa gandichaa nama maqaan isaa Obbo Yusuuf Ahimad jedhamu rasaasa 2’n dha’uun madeessuu jiraattonni gandichaa himan.

Obbo Yusuuf Ahimad jimaa gurgurachuuf hoggaa magaalaa Dadar deemu, dargaggoota lama isa wajjiin kanneen jimaa magaalicha geeffatan bulchaan ganda Laga Soqaa dargaggoota kana humnaan qabuun gara leenjii waraanaatti geessuuf yeroo yaalu, Obbo Yusuuf “dargaggoota kana dhiisaa” jechuun itti dubbannaan, ittaanaan bulchaa gandichaa immoo “maaltu sigalche?” jechuun rasaasa lama itti dhukaase. Rasaasni sunis miila 1 keessa ba’uu fi qaama hormaataa isaa argachuu kan himan jiraattonni, yeroo ammaa kanas miidhaan qaamaa cimaan irra gahee hospitaala Adareetti yaala argachaa jiraachuu maddeen keenya ibsaniiru.

Leave a Reply