• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Shaggar Ona Boosat keessatti uummanni dhukkuba daddarbaa koleeraan dhumaa jiraachuun barame

Jun 3, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024

Uummata Oromoo rasaasaan balleessuu irratti xiyyeeffatee kan jiru bilxiginnaan, kan amma mootummaa uummataati ofiin jedhu kun, uummata Oromoo ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qabee leenjii waraanaatti erguun bulchiinsa isaa ittiin jabeeffachuu malee,   rakkoo sabichaaf furmaata ta’ee hin beeku.

Haa ta’u malee uummanni Oromoo yeroo ammaa kanatti dararaa murna abbaa irreen irratti raawwachaa jiruun alatti dhibee dhukkubaanis rakkachaa jiraachuu jiraattoonni dubbatu.

Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Boolee jedhamtu keessatti hawaasni Oromoo dukkuba daddarbaa koleeraan miidhamaa jiraachuu maddeen gabaasan. Yeroo ammaa kanatti namoonni 13 ol lubbuun kan darban oggaa ta’u namoonni 260 immoo dukkubichaan qabamanii buufata fayyaa magaalichaatti walitti qabamanii akka jiran  Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera. 

Akka odeessi nu dhaqqabe addeessutti, uummanni kun bakka murni gabroomfataan PP kun siyaasa isaa barsiisuuf jumlaan walitti qabetti hawaasni kun dhibee kanaan akka qabaman jiraattoonni dabaluun kan dubbatan oggaa ta’u hanga ammaatti gargaarsa qaama kamii malee rakkachaa akka jiranis barameera.

Dhibeen daddarbaa busaas  yeroo darbe Lixa Oromiyaatti ka’uu, akkasumas gifirri Kaaba Shaggaritti uummata irraan gaaga’ama lubbuu ga’uun ni yaadatama. 

Leave a Reply