ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024
Muummichi ministeeraa Naareendiraa Moodii fi Paartiin isaanii Biharatiya Janataa, gamtaa mormitootaa bal’aa Kongireesii fi paartilee naannoo humna qabaniin durfamu mormaniiru.
Yeroon sagalee kennuu torban ja’aaf ture Sanbata kaleessaa kan xumurame yoo ta’u, bu’aan sagalee Kibxata dhufu ni ifooma jedhamee eegama.
Filannoon biyyoolessaa Hindii torban 6’f ture Sanbata kaleessaa xumurame, bu’aa filannoowwanii ba’uu irra caalaan isaanii Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin waggoota kurnan aangoo isaanii marsaa sadaffaa walitti aansuun dheeressuuf akka jiran tilmaamaniiru.
Filannoo dadhabsiisaa fi marsaa hedduu qabu kana irratti kaadhimamaan biyyattii keessa naanna’aniiru, hojjettoonni filannoo gara gandoota fagootti kan deeman yoo ta’u, filattootni ho’a cimaa keessatti sa’atii dheeraaf hiriiraniiru.
Amma kan hafe bu’aa qorannoo kanaa eeguu qofa yoo ta’u, kunis Kibxata ni ifooma jedhamee eegama.
Filannoon kun seenaa Hindii keessatti bu’aa guddaa kan fide keessaa tokko ta’ee fudhatamaa jira.
Moodiin teessoo 543 keessaa 350 ol argachuu akka danda’u kan timaamamuu fi yoo injifate, muummicha ministeera biyyattii isa jalqabaa Jawaarlaal Nehru booda hoogganaa Hindii marsaa sadaffaaf aangoo qabate isa lammaffaa ta’a jechuun associated Press gabaaseera.





