• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Harargee  Ona Gumbii Bordoddeetti PP’n horsiisee bultoota lafa isaanii irraa kaasuuf doorsisaa jiraachuun himame

Jun 3, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024

Saamtonni murna PP  impaayera Itoophiyaa, waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo  qe’ee abbaa isaa irratti dararaa hamtuu agarsiisaa kan jiru oggaa ta’u gariin afaan qawween doorsisee ukkaamsuun dirree waraanaatti erguun saamuu, hidhuu fi ajjeechaa suukaneessaa irratti raawwachaa jiruun alatti amma immoo uummata harka qalleessa horii horsiisee jireenya isaa geggeeffatu maqaa investimemtiin doorsisee lafa isaanii irraa buqqisuun saamicha lafaa geggeessaa jira.

Godina Lixa Harargee  ona Gumbii Bordoddeetti PP’n horsiisee bultoota lafa isaanii irraa kaasuuf maqaa investimentiin doorsisaa jiraachuun dhagaa’ameera. Jiraattonni ona Gumbii Bordoddee irra jireessaan horsiisee bultoota yommuu ta’an, lafa isaan irratti loonii fi gaala horsiisan irratti maqaa invastimentiin abbootii qabeenyaa qubachiisuuf bosonni onichaa akka ciramuuf karoorsuun ibsameera.

Qabeenya lafaa horsiisee bultoonni kun qaban humnaan dirqamsiisanii akka mallatteessan gochuu fi lafichas dabarsanii abbootii qabeenyaaf kennuuf qophiirra kan jiran ta’uu kan himan jiraattonni, hooggantoonni PP onichaa beellama yeroo biraa qabatanii kan jiranii fi bulchaan ona Sanaa, akkasumas gandoota onichaa lafti horsiisee bultootaa kun abbootii qabeenyaaf akka kennamuuf mallatteessanii jiraachuu jiraattonni onichaa ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply