ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024
Saamtonni murna PP impaayera Itoophiyaa, waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaa irratti dararaa hamtuu agarsiisaa kan jiru oggaa ta’u gariin afaan qawween doorsisee ukkaamsuun dirree waraanaatti erguun saamuu, hidhuu fi ajjeechaa suukaneessaa irratti raawwachaa jiruun alatti amma immoo uummata harka qalleessa horii horsiisee jireenya isaa geggeeffatu maqaa investimemtiin doorsisee lafa isaanii irraa buqqisuun saamicha lafaa geggeessaa jira.
Godina Lixa Harargee ona Gumbii Bordoddeetti PP’n horsiisee bultoota lafa isaanii irraa kaasuuf maqaa investimentiin doorsisaa jiraachuun dhagaa’ameera. Jiraattonni ona Gumbii Bordoddee irra jireessaan horsiisee bultoota yommuu ta’an, lafa isaan irratti loonii fi gaala horsiisan irratti maqaa invastimentiin abbootii qabeenyaa qubachiisuuf bosonni onichaa akka ciramuuf karoorsuun ibsameera.
Qabeenya lafaa horsiisee bultoonni kun qaban humnaan dirqamsiisanii akka mallatteessan gochuu fi lafichas dabarsanii abbootii qabeenyaaf kennuuf qophiirra kan jiran ta’uu kan himan


