• Sat. Mar 14th, 2026

Hidhaan murnoota PP’n jiraattota Baha Shaggar irratti hammaachuun barame

Jun 3, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024

Dararaan waraana faashistii PP’n  ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun, yeroo irraa gara yerootti Oromoota nagaan qe’ee isaanii keessa jiraatan maqaa adda addaa itti maxxansuun sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkanii hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi leenjii waraanaatti erguun qe’ee uummatichaas goolaa oolu.

Haa ta’u malee afaan Oromoon dubbachuun akka waan mootummaa Oromoo isa taasisuutti kan amanu kolonel Abiy Ahimed ergamtoota isaa uummatatti bobbaasee hidhaa namoota nagaa irratti raawwachaa jira. 

Akka kanaanis godina  Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa iddoo addaa Horofee jedhamu keessatti Caamsaa 14, 2024 balleessaa tokko malee dargaggoota maqaan isaanii Addunyee Senxoo, Abbittii Dagaagaa, Kurfaa Roobaa fi shamarree Warqee jedhamtu qabuun Waajjira Poolisii Magaalaa Maqiitti hidhanii dararaa kan jiran oggaa ta’u, namoonni ammaaf maqaan nu hin dhaqqabin hedduunis mana hidhichaa keessatti dararaamaa akka jiran maddeen himaniiru.

Namootni hidhamanii jiran kunis Caamsaa 14 irraa qabuun hanga ammaatti osoo hin gadhiifne mana hidhaa keessa jiru.

Aanaa Dugdaa kana keessatti waraanni tiksitoota barcuma Abiy Ahimed gandootaa fi magaalaa Maqii keessatti ajjeechaa, ajjeesanii bineensa nyaachisuu, hidhuu fi saamuu raawwachaa jiru.

Jalqaba Baatii Ebla keessas aanuma Dugdaa magaalaa Maqii keessatti ajjeechaa qindaa’aan Jaal Battee Urgeessaa irratti raawwachuun ni yaadatama. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading