• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti, waraanni sirna PP namoota nagaatti dhukaasuun madeessan

Jun 3, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2024

Madda jeequmsaa kan ta’e waraanni faashistii Abiy Ahimed guyyaadhaa gara guyyaatti uummata nagaa rasaasaan rukutuun gariin ajjeesaa fi gariin ammoo qaama hir’uu taasisuun qe’ee uummatichaas saamee, irraas godaansisaa jira. 

Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu  ganda Amuumaa Gorgisii jedhamu keessatti, waraanni akeekaaf kaayyoo deemuuf hin beeknee fi Abiy Ahimed qofa aangoo irra tursuuf bobbaafaman kun  toora sa’a 3:00’tti barataa Eliyaas Beekamaa jedhamu rasaasa itti roobsanii miilla irra rukutuun  du’aa fi jireenya gidduutti argama.

Eeliyaas Beekamaa nama tuttuqaa siyaasaa kam keessaa illee  hin qabne daa’ima ganna 15 fi barataa kutaa 8’ffaa kan  ta’e yoo ta’u, mana namaa taa’ee kan baratu ture. Yeroo ammaa buufatni fayyaa aanaa Lataa Siibuu dadhabuun  gara hospitaala Najjootti dabarsanii jiru.

Gochi Kun irra deddeebiin aanuma Lataa Sibuu keessatti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, Caamsa 31, 2024 nama Umar Baqqalaa jedhamu miilla irra rukutuun hospitaala Baabboo Gambeelitti yaalaamaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading