• Wed. Jan 14th, 2026

Chaayinaan walabummaa Taayiwaan ‘humnaan’ dhaabuuf qophaa’uu Ministirri Ittisaa biyyattii ibse

Jun 4, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024

Ministirri Ittisa Chaayinaa Dong Jun waraanni isaanii walabummaa Taayiwaan ”humnaan” dhaabuuf qophii ta’uu himuun, garuu dhimma kana irratti Ameerikaa waliin wal jijjiirraan yaadaa guddaan akka taasifamu gaafataniiru.

Dilbata darbe konfiraansii marii ‘Shangri-La Dialogue’ Singaapoor keessatti gaggeeffame irratti kan dubbatan Dong, Taayiwaan Chaayinaaf ”dhimmoota ijoo keessaa ijoo” ta’uu ibsuun,  Paartiin Taayiwaan bulchaa jiru paartiin tarkaanfataa Dimookiraatawaa adda ba’uu hordofaa jiraachuu fi eenyummaa Chaayinaa haquuf xiyyeeffachuu himan.

Chaayinaan Taayiwaaniin akka naannoo mataa isheetti kan ilaaltu yoo ta’u, mormiin cimaan Taayipee irraa ka’us, ji’a darbe Caamsaa 20 eebba pirezidaantii Wiliyaam Laayi Chiing-tee, kan Beejiing ”addaan ba’uu” jettee waamtu irratti aariidhaan naannoo odola kanaatti shaakala waraanaa geggeessitee turte.

“Namoonni adda ba’an sun dhiheenya kana ibsa finxaaleyyii saba Chaayinaa fi abbootii isaaniif gantummaa agarsiisan kennaniiru.” Seenaa keessatti utubaa salphinaatti mismaaraan ni dha’amu,” kan jedhan Doong, Chaayinaan Taayiwaan waliin karaa nagaa walitti makamuuf kutannoo qabdis jedhan.

“Waraanni Bilisummaa Ummata Chaayinaa yeroo hundumaa humna baduu hin dandeenyee fi humna guddaa qabu kun tokkummaa biyya haadha isaa  ittisuuf akka danda’u ibsuun, walabummaa Taayiwaan to’achuuf akkasumas yaaliiwwan isaa goonkumaa akka hin milkoofneef yeroo hunda kutannoo fi humnaan ni socho’a, jedhan Doong Dilbata kaleessaa waltajjii Singaappor irratti taa’ame kanaan.

“Namni Taayiwaan Chaayinaa irraa addaan baasuuf ija jabaate cicciramee badiisa ofii isaatiif saaxilama.”

Mootummaan Taayiwaan ibsa ministeera Chaayinaa kanaaf deebii kenneen dubbii ”kakaasaa fi sammuu hin qabne” dubbatame kanaaf baayyee akka gadde ibseera.

Dubbiin Doong Singaapoor keessatti dubbatan kun ji’oota 18 keessatti hooggantoota ittisa Chaayinaa fi US gidduutti marii qabatamaa fuulaa fuulatti taasifamu isa jalqabaa hordofeeti. Dong fi Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin hoteela qananiin waltajjii kana qopheessan  keessatti sa’atii tokkoo ol wal argan.

Ameerikaan naannoo Indoo Paasifik irratti olaantummaa ishee eegsifachuuf yoo tattaafattu, Chaayinaan gama isheen Ameerikaan Filippiinsiin ” fayyadamtee Galaana Chaayinaa Kibbaa keessatti jeequmsa kaasuuf akka hojjettu   himatti jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading