• Fri. Mar 20th, 2026

Filannoo Meeksiikoo Dilbata kaleessaa gaggeeffame irratti dubartiin pirezidaantii jalqabaa akka taatu eeggamaa jira

Jun 4, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024

Kilaawudiyaa Sheenbayum fi morkattuun ishee Xochitil Galvez pirezidaantii dubartootaa jalqabaa Meksikoo ta’uuf wal’aansoo wal qabaa jiru.

Lammiileen Meeksikoo filannoo pirezidaantiin dubartii biyyattii jalqabaa filatamuun mirkanaa’aa ta’e irratti Dilbata kaleessaa sagalee kennaa oolaniiru.

Filannoo kaadhimamaa dhiiraa tokkicha Joorgii Alvarez Maynez irratti dorgomtuun dursaa Kilayudiyaa Sheenbayum fi dorgomtuun ishee guddoon Xichitil Galvez lamaan isaaniiyyuu baay’ee dursaa jiru.

Filattoonni miseensota Kongireesii Meksikoo fi bulchitoota kutaalee biyyattii saddeet keessa jiran hunda, akkasumas hogganaa mootummaa magaalaa Meksikoo ni filatu.

 Duulli kun haleellaa jeequmsaatiin kan golgame yoo ta’u, mootummaan akka jedhutti guutuu Meksikootti kaadhimamaan biyya keessaa 20 ol ajjeefamaniiru jedhan.

Kilaawudiyaa Sheenbayum eegduu siyaasaa pirezidaantii aangoo gadhiisaniiti.

Saayintistii ganna 61 kan taate Aadde Sheenbayum bara 2018 hanga 2023tti kantiibaa magaalaa Meksikoo ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, deeggarsa pirezidaantii aangoo gadhiisaa jiran Andires Manu’el Lopez Obrader irraa argatteetti.

Bara 2018 irraa eegalee aangoo kan qaban Mr Lopez Obrader ammas aangoo olaanaaf dorgomuu hin danda’an, sababiin isaas akka heera mootummaa Meksikootti pirezidaantonni marsaa waggaa ja’aa tokkoof qofa daangeffamanii jiru waan ta’eef jechuun Arab news gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading