ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024
Waraanni aangoo namtokkee fi sirna nama nyaataa tiksuuf bobbaafaman dhiibbaa sirnichi ol aantummaa saba tokkoo mooraa sana keessatti calaqqisiisu irraa ka’uun walitti dhukaasaa, akkasumas sirnicha ganaa kan oolan yoo ta’u, Waxabajjii 1, 2024 godina Booranaa aanaa Miyoo keessatti waraanni sirnichaa walitti dhukaasuun namoonni lama irraa du’uu fi kanneen biroonis madaa’uun beekamee jira.
Waxabajjii 1, 2024 waraanni PP meeshaalee gurguddaa dhukaasuun daangaa Itoophiyaa ce’uun Kaaba Keeniyaa aanaa Moyaalee, ollaa Anoonaa keessatti mana jiraattotaa gubuun miidhaa qaamaas kan dhaqqabsiisan yoo ta’u, gochaa badii kana raawwatanii galaa osoo jiranii dhukaasa walitti banuun miseensota lama battalatti walirraa ajjeesuun, kaan madaa’anii yaalamaa akka jiran odeessi nu dhaqqabe ni mul’isa.
Oromoon gabrummaa humnaan itti fe’ame baachuu diduun baroota heedduuf falmachaa kan jiru yoo ta’u, moonaa gabroomsitootaa seenuun ba’aa gabroomsaa baachuu warri dadhaban, ofirraa dhukaasaa fi keessaa miliqaa jiraachuun ni beekama.



