ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024
Araada hawaasa nagaa ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi hiraarsuu kan qabu waraanni maafiyaa P, godina Baha Wallaggaa onoota adda addaatti hawaasa nagaa hidhaan dararaa jiraachuu fi yakkoonni gara jabinaa akkasumas, saamichi yeroo yerootti uummata irratti hammaatee jiraachuun ni beekama.
Ona Saasiggaa ganda Abbaa Daalee jedhamutti nama maqaan isaa Habtaamuu Gammachuu jedhamu Caamsaa 17, 2024 sababa Oromummaa isaa qofaaf hidhamee jiraachuu fi siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu jiraattonni gandichaa himaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, godinuma kana ona Giddaa Ayyaanaatti haala duraan barameen olitti hawaasni gara mana hidhaatti guuramaa jiraachuun beekameera. Ganda Kora Goobuu irraa namoonni maqaan isaanii: Obbo Waldee Galataa, Hojjetaa Wangeelaa Balaay Dureessaa fi Obbo Nagaroo jedhaman Caamsaa 30, 2024 waraana murna gabroomfataa PP’n qabamanii hanga har’aa bakki buuteen isaanii dhabamee jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Kana malees, onuma kana ganda Dirree Guddaa irraa nama maqaan isaa Obbo Fiqaaduu Baqqalaa jedhamu jalaa horii 6 qalachuun, maatii isaatiin “meeshaa waraanaa abbaan manaa keessan awwaalee kaa’e fidaa!” jechuun haadha manoota isaa sadanii fi maatii isaa guutuu qabuun hidhanii jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Dabalataanis, Ona Haroo Limmuu ganda Sugee Lalisaatti Caamsaa 24, 2024 namoota maqaan isaanii:
1. Abdiisaa Gammadaa,
2. Ayyaantuu Baqqalaa,
3. Xajjituu Gammadaa fi
4. Shuumatee Ayyaanaa jedhaman badii tokko malee ” deggertoota WBO’ti” jechuun Waajjira Poolisii onichaatti hidhamanii jiraachuun ibsameera.







