• Fri. Nov 20th, 2026

Shaggar Sitii magaalaa Buraayyuu keessatti, kaabinootni fi waraanni faashistii PP namoota golee Oromiyaa garaagaraa irraa dhaqanii achi jiraatan irratti dararaa hammeessan

Jun 6, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Akka heera Impaayeerittiitti lammileen impaayeerittii kamiyyuu bakka fedhan deemanii waan fedhan hojjetanii qabeenya horachuu akka danda’an lafa kaa’us bilxiginnaan sababa muka socho’uyyuu sodaatuuf ilmaan Oromoo goleelee adda addaa irraa biyya abbaa isaanii keessa naanna’anii hojjechuun of jireessan sodaa fi shakkii irraa horachuun maqaa garaagaraan yakkee, hidhuu, ari’uu akkasumas bifa adda ta’een itti yaadee dararuu irratti argama.

Mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed kaabinootaa fi waraana isaatti dhimma bahuun uummata hacuucuu fi sodaachisee teessuma aangoo isaa akka tiksaniif gorsee bobbaasuun guyyaadhaa gara guyyaatti magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa mara keessatti dhiittaa mirga namoomaa daran hammeessaa jiru.

Haaluma kanaan yeroo ammaa impaayeerri Itoophiyaa lola mo’achuu hin dandeenyetti seenuun aarii dirree waraanaatti isaan mudachaa oolu hawwaasatti haaloo ba’achuuf yaaluun uummata nagaa dararaa jiru.

Dargaggeessi Oromoo, shammarranii fi ol adeemtonni hedduun baadiyyaa Oromiyaa keessaa gara magaalota adda addaatti baqachuun lubbuu isaanii oolfachuuf miliqaa jiru. Isaan kun badii godhanii osoo hin taane dammaqiinsa siyaasaa akka hin argannee fi bor yoo baratan, yoo dalagatanii fi yoo guddatan impaayerattii irratti dhiibbaa uumu jedhanii waan shakkanniif, hiree isaanii mana hidhaa gochuun yoo fedhan ajjeesanii yoo fedhan ammoo qaama hir’uu taasisaa jiru.

Akkuma kanaan Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar  Sitii magaalaa Buraayyuu keessaa nagaan ba’anii galuun kan ulfaate yoo ta’u namoota nagaa, hojii isaaniitti bobba’an isin ergama qabdu, eessa deemaa jirta? waraqaa eenyummaa kee fidii? Eessa irraa dhufte? jechuun qoodanii hiraarsaa jiru.

Keessattuu erga dheengadda WBO’n Duula Irbuu Shinniggaa jedhuun sochii haaraa eegalee sodaa guddaa keessa galanii qorannoo hammeessuun Shaggar Sitii bulchiinsa magaalaa Buraayyuu bakkoota akka Kattaa, Dirree Sololiyaa, Ashawwaa Meedaa fi naannoshee keessa socho’uun ilmaan Oromoof yaaddeessaa ta’uu jiraattonni ONM’tti

himaniiru.

Leave a Reply