• Wed. Nov 25th, 2026

Giddu Galeessa Oromiyaa Kaaba Shaggaritti saamichi fi gubaatiin manneenii hamaan jiraattoota irratti waraana faashistii PP’n raawwatame

Jun 6, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Waraanni goolessaan bilxiginnaa saamicha hamaa uummata Oromoo  irratti xiyeefatee halkanii fi guyyaa geggeessaa jiru ittuma fufuun xiqqaa, guddaa, hiyyeessaa fi sooressa osoo hin jenne qabeenya cufa maallaqa, loon, midhaanii fi meeshaalee mana keessaa waan argan cufa hanga saamuu danda’an fudhachuun kan dadhaban immoo ibiddaan gubuun kan barbadeessaa jiran yoo ta’u, biyya abbaa itti taanee bulchaa jirra jedhanii afarsaa oolan keessatti uummata cufa diinoonfachuun waan qabu kaan gubanii kaan immoo saamuun biyya ofii kan hin taane bulchiinsa biraa jala jirtu irrattiyyuu dabi akkasitti dalagamu mul’atee hin beeku.

Bara uummanni Oromoo eenyummaa ofiitiin buluuf lubbuu ilmaan isaa kuma shanii ol itti gabbaree diina jalaa bilxiginnaa iyyuu baaseetti bilxiginnaan aangoo isaa jabeeffachuuf uummata Oromoo ajjeechaa fi saamicha irratti geggeessuu hammeessuun godina Kaaba Shaggar keessatti uummata dararaa jira.

Haaluma kanaan Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Fajii Ejersaa jedhamu keessatti Caamsaa 27 fi 28, 2024 saamichi qabeenyaa fi manneen gubuu hamaan waraana faashistii PP geggeeffameera.

Waraanni faashistii PP kun Abdiisaa Taaddassaa jalaa re’ee 10, Qaanquree Tassammaa jalaa re’ee 1, Caalii Lumee jalaa re’ee 1, Bojaa Lalii jalaa re’ee 4, Lalisee Italaam jalaa re’ee 1, Shaamballii Lamuu jalaa Qotiyyoo 1, Suyyumee Baqqalaa jalaa Jibicha 1,Girmaa Jibuu jalaa re’ee 6, Nugusee Dabalaa jalaa re’ee 2, Milishaa Tafarii jalaa re’ee 12, Yohaannis Tolasaa  jalaa re’ee  9, Taddasee Baa’isaa jalaa re’ee  6, Xinqee Zaliiqee jalaa re’ee 3, Tolasaa Baay’isaa jalaa qotiyyoo 1, Bultoo Gammadaa jalaa qotiyyoo 6, Shaashoo Guddataa  qotiyyoo 2 jalaa yoo qalatan, Tolasaa Baay’isaa jalaa immoo baabura 1 jalaa caccabsanii meeshaalee gariin immoo konkolaataatti fe’achuun fudhatanii deemuun barameera. 

Kana malees waraanni PP  balleessuu malee tolchuu kan hin beekne kun mannneen namootaa guban, Obbolee Raggasaa jalaa mana 2, ilmuma Obbolee kan ta’e Barakaa Obbolee jalaa mana 1, Toleeraa Kaffaaalaa jalaa manaa 2, Morodaa Zaliqee jalaa mana 1, Obbo Isuu Asmaree jalaa baabura miidhanii 1 jalaa gubuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply