• Tue. Nov 24th, 2026

Sudaan keessatti daa’imman miiliyoona 3.6 ta’an hanqina nyaataa hamaa keessa jiraachuu UNICEF ibse

Jun 6, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Jeequmsaa fi waraana Sudaan keessatti mudachaa jiruun daa’imman rakkachaa jiraachuun, amma waggaa lammaffaa keessa seeneera.

UNICEF qajeelfama fi dhiyeessii soorataa, qorannoo fayyaa fi wal’aansa daa’immanii dabalatee tajaajila lubbuu baraaruu kennuudhaan Sudaan keessatti hojjechaa jiraachuu ibsa.

Dhaabbatichi  michoota waliin ta’uun, qaamoleen waldhabdee uumuun lammiilee nagaa eeguu, gargaarsa namoomaa gufuu malee akka argatan haala mijeessuu, sarbama mirga namoomaa dhaabuu, haala Al Fasher keessatti mul’atu akka hir’isuu fi dhukaasa dhaabuu guutuu biyyattii fudhachuuf waamicha dhiyeessa jedha barruu fuula Facebook dhaabbatichaa irratti maxxane.

Mootummoota Gsmtoomaniitti UN OCHA’n guyyoota muraasa dura ibsa baaseen addunyaan haala namoomaa hamaa ta’e Al Fasher, Sudaan keessatti hammaataa dhufe kana bira darbuu hin qabdu jedha.

“Dhalli namaa kan waraanaan miidhamu isa jalqabaati. Oduun lubbuu namaa darbee fi sarbama mirga namoomaa gabaafamee nama suukanneessa.”

“Dhaabbileen yaalaa, mooraa buqqa’iinsaa, fi bu’uuraaleen siiviilii murteessoo ta’an qaamolee waldhabdee kanaa irratti xiyyeeffataniiru jechuun gabaasa baayyee yaaddessaa ta’e nu qaqqabaa jira” dhaabbatichi.

Dhaabbanni baqattoota addunyaa gama isaaniin namoota 2.4 Sudaanii fi biyyoota ollaa keessatti gargaarsa ga’uu ibsus lammiilee miliyoona 25 Sudaan keessaa gargaarsa barbaadaniif garuu xiqqaa ta’u dhaabbileen gargaarsa namoomaa ni dubbatu.

Leave a Reply